Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Lafti kun kaayyoodhaan uumamtee?

Lafti ilmaan namootaatiif bakka jireenyaa gammachiisaa akka taatuuf uumamte

Lafti kun jireenyaaf baayʼee mijooftuudha. Bishaan gaʼaa jireenyaaf barbaachisaa taʼe qabdi. Akkaataan duufiinsaa, marsaafi orbiitii lafaa, garboonni cabbiitti akka hin jijjiiramne ykn akka hin huurkine godha. Qilleensi naannoo lafaafi dirreen maagneetii lafaammoo carallaa aduu miidhaa geessisurraa lafa eega. Hariiroon biqiltootaafi bineensota lafarra jiran gidduu jiru kan nama ajaaʼibsiisudha. Kanarraan kan kaʼe, namoonni hedduun xumura lafti kan uumamte kaayyoodhaani jedhurra gaʼaniiru.—Isaayaas 45:18 dubbisi.

Haataʼu malee, ‘Rakkinniifi jalʼinnis kaayyoo lafti itti uumamte keessaa tokkoo?’ jettee gaafatta taʼa.—Keessa Deebii 32:4, 5 dubbisi.

Kaayyoon lafti itti uumamte ni raawwatamaa?

Lafti kan uumamte namoota wal kabajaniifi Uumaasaanii jaallataniif bakka jireenyaa gammachiisaa akka taatuufidha. Kanaaf, jireenyi namootaa jireenya biqiltootaafi bineensotaa caalaa kaayyoo guddaa qaba. Uumaan keenya eenyu akka taʼe beekuu, akkasumas jaalalasaafi haqasaa dinqisiifachuufi hordofuu ni dandeenya.—Lallaba 12:13; Miikiyaas 6:8 dubbisi.

Uumaan keenya kaayyoosaa hunda raawwachuu ni dandaʼa. Kanaaf, dhiphinaafi jalʼina balleessuudhaan, lafa kana ilmaan namootaatiif bakka jireenyaa gammachiisaa akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Faarfannaa 37:11, 29; Isaayaas 55:11 dubbisi.