Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Waaʼee Qarshii Yaaddaʼuu

Waaʼee Qarshii Yaaddaʼuu

Abbaa manaa fi abbaa ijoollee lamaa kan taʼe Pool akkana jedheera: “Gatiin qarshii biyya keenyaa akka malee erga kufee booda, gatiin nyaataa kan dabale taʼuu isaa irra iyyuu nyaatni hin jiru ture. Saʼaatii hedduudhaaf dabaree qabannee kan dhaabannu taʼus, yeroo baayʼee utuu dabareen keenya hin gaʼin nyaatni ni dhuma ture. Sababii beelaatiin namoonni akka malee kan huqqatan siʼa taʼu, tokko tokko immoo karaa irratti kufu turan. Gatiin wantoota jireenyaaf barbaachisoo taʼanii gara miliyoona hedduutti, achiis gara biliyoona hedduutti ol kaʼee ture. Dhuma irrattis, qarshiin biyyattii gatii dhabe. Qarshiin ani baankii kaaʼadhe, qarshiin inshuraansiidhaaf kaffalee fi sooramaaf kuufadhe gatii dhabe.”

Pool

Pool maatii isaa duʼa irraa oolchuuf, ‘ogummaatti’ fayyadamuu akka qabu hubatee ture. (Fakkeenya 3:21) Akkana jechuudhaan ibseera: “Hojiin koo hojii elektiriikii kontiraata fudhadhee hojjechuu dha; haa taʼu malee, hojiin argadhu hunda gatii baayʼee gad aanaa taʼeen illee nan hojjedhan ture. Namoonni tokko tokko nyaata ykn miʼa manaa naaf kaffalu. Saamunaan afur yoo naaf kaffalame, lamaan isaa itti fayyadameen, lama immoo gurgura ture. Dhuma irrattis cuuciin indaaqqoo 40ni naaf kaffalame. Yommuu isaan guddatanis isaaniin gurgureen, cuucii dabalataa 300 bitadhe. Boodas indaaqqoo 50 daakuu boqqolloo madaabaraa abbaa kiiloo giraamii 50 lamaatti nan geddaradhe. Midhaan kanaan maatii koo fi maatiiwwan kan biraa hedduu yeroo dheeraadhaaf sooruu dandaʼeera.”

Pool, wanti hunda caala sirrii taʼee fi namni tokko gochuu dandaʼu Waaqayyotti amanamuu akka taʼes hubatee ture. Wanta Waaqayyo ajaje yeroo hojii irra oolchinu, inni nu gargaara. Wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu ilaalchisee Yesus, ‘Yaaddoodhaan hin dhiphatinaa! Wantoonni kun akka isin barbaachisan abbaan keessan ni beeka’ jedheera.—Luqaas 12:29-31.

Kan nama gaddisiisu garuu, diina Waaqayyoo isa guddaa kan taʼe Seexanni, namoonni addunyaa hedduun wantoota karaa qaamaa isaan barbaachisu qofa irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan isaan gowwoomseera. Namoonni wanta dhugumaan isaan barbaachisuufis taʼe akka isaan barbaachisu itti dhagaʼamuuf akka malee yaaddaʼu; wantoota dhugumaan isaan hin barbaachisne argachuufis carraaqqii cimaa godhu. Namoonni hedduun liqii keessa seenuudhaan yaada, ‘inni liqeeffatu abbaa liqiitiif hojjetaa dha’ jedhu dhugaa taʼuu isaa wanta isaan irra gaʼe irraa baratu.—Fakkeenya 22:7.

Namoonni tokko tokko murtoo isaan miidhu godhu. Pool akkana jedheera: “Namoonni naannoo keenya jiran hedduun jireenya gaarii barbaacha maatii fi michoota isaanii dhiisanii biyya alaa dhaqaniiru. Isaan keessaa tokko tokko waraqaa godaantota seera qabeeyyii taʼuu isaanii ibsu utuu hin qabaatin waan deemaniif hojii argachuu hin dandeenye. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee poolisii jalaa kan dhokatan taʼuu isaanii irra iyyuu daandii qarqara bulu. Namoonni kun Waaqayyo akka isaan gargaaru carraa isaaf hin kennine. Nuti garuu gargaarsa Waaqayyootiin maatiidhaan tokko taanee rakkoowwan qarshii nu mudatan dandeenyee jiraachuuf murteessinee turre.”

GORSA YESUS HORDOFUU

Pool itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Yesus, ‘Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga’a’ jedheera. Kanaaf guyyaa guyyaadhaan wanti ani kadhadhu, duʼa irraa ooluu akka dandeenyuuf Waaqayyo ‘soora harʼaaf nu barbaachisu, harʼa akka nuuf kennu’ qofa ture. Waaqayyos akkuma Yesus abdii kenne nu gargaareera. Yeroo hunda wanta filannu hin argannu turre. Gaaf tokko maaltu gurguramaa akka jiru utuun hin beekin nyaata bitachuuf dabaree qabadheen dhaabadhe. Yeroo dabareen koo gaʼu wanti gurguramaa jiru itittuu taʼuu isaan hubadhe. Ani immoo itittuu hin jaalladhu. Taʼu iyyuu, itittuunis nyaata waan taʼeef, gaafa sana galgala isuma nyaannee bulle. Yeroo sana hundatti maatiin koo matumaa hagabuu bulee waan hin beekneef Waaqayyoon nan galateeffadha.” *

Waaqayyo, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jedhee waadaa galeera.—Ibroota 13:5

“Yeroo ammaatti gama qarshiitiin haala gaarii irra jirra. Haa taʼu malee, qorichi yaaddoo moʼuuf gargaaru inni guddaan Waaqayyotti amanamuu akka taʼe muuxannoo keenya irraa baranneerra. Nuti fedha isaa raawwachuuf barbaaduu keenya yoo itti fufne Yihowaan * yeroo hunda nu gargaara. Yaadni Faarfannaa 34:8 irra jiruu fi ‘Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!’ jedhu dhugaa taʼuu isaa argineerra. Kanaan kan kaʼes, rakkinni dinagdee lammata utuu nu mudatee hin sodaannu.

Waaqayyo namoonni amanamoo taʼan ‘soora harʼaaf’ isaan barbaachisu akka argatan ni gargaara

“Namoonni duʼa ooluuf wanti isaan barbaachisu, hojii ykn qarshii utuu hin taʼin, nyaata akka taʼe amma hubanneerra. Yeroo abdiin Waaqayyo, ‘Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu’ jechuudhaan kenne itti raawwatamu hawwii guddaadhaan eegganna. Hamma yeroo sanaatti garuu, ‘Waan ittiin jiraannuu fi waan keessa jiraannu yoo qabaanne nu ga’a.’ Yaada Kitaaba Qulqulluu isa ‘Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin taʼin, wanta argattaniin “Nu ga’a” jedhaa! Waaqayyo, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jedheera. Kanaafis amanannee, “Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu” in jenna’ jedhu irraa jajjabina argachuu dandeenya.” *

Akkuma Poolii fi maatiin isaa godhan, ‘karaa Waaqayyoo irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraachuun’ amantii dhugaa qabaachuu gaafata. (Uumama 6:9) Yeroo ammaatti rakkinni dinagdee cimaan nu mudateera yoo taʼe ykn gara fuulduraatti yoo nu mudate, amantii fi ogummaa qabaachuu ilaalchisee fakkeenya Pool irraa barumsa guddaa arganna.

Haa taʼu malee kan nu yaaddessaa jiru rakkoowwan maatii ti yoo taʼe hoo?

^ KEY. 10 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.