Baʼuu 23:1-33

  • Seerawwan Israaʼelotaaf kennaman (1-19)

    • Waaʼee amanamummaa fi haqaa (1-9)

    • Waaʼee sanbatawwanii fi ayyaanotaa (10-19)

  • Maleekaan Israaʼelota geggeesse (20-26)

  • Lafa dhaaluu fi daangaawwan (27-33)

23  “Oduu dhugaa hin taane hin babalʼisin.*+ Hamminaan ragaa baʼuudhaan nama hamaa hin deggerin.+  Waan hamaa raawwachuuf namoota hedduu duukaa hin buʼin; namoota hedduu wajjin taʼuudhaaf* jettee sobaan ragaa baʼuudhaan haqa hin jalʼisin.  Namni hiyyeessa taʼe tokko yommuu falmii qabaatutti isaaf hin loogin.+  “Qotiyyoon yookiin harreen diina keetii badee utuu deemuu yoo argite, abbaa isaatiif deebisi.+  Harreen nama si jibbu tokkoo akkuma feʼamee jirutti kufee yoo argite, callistee bira hin darbin. Horii sana irraa feʼumsa hiikuudhaan namicha gargaari.+  “Hiyyeessi si gidduu jiraatu tokko dhimma seeraa yeroo qabaatutti murtii isaa hin jalʼisin.+  “Himata* sobaa irraa fagaadhu; ani isa hamaa qajeelaa akka taʼetti waanan hin ilaalleef,*+ nama qulqulluu fi nama qajeelaa taʼe hin ajjeesin.  “Mattaʼaan ija namoota akka gaariitti arganii waan jaamsuuf, dubbii qajeelotaas jalʼisuu waan dandaʼuuf, mattaʼaa hin fudhatin.+  “Nama biyya ormaa hin cunqursin. Isinis biyya Gibxii keessatti nama biyya ormaa waan turtaniif, nama biyya ormaa taʼuun miira akkamii akka namatti uumu* beektu.+ 10  “Waggaa jaʼaaf maasii kee irratti sanyii facaasi; oomisha isaas galfadhu.+ 11  Waggaa torbaffaatti garuu utuu hin qotin dhiisi; lafa haa baʼu; hiyyeeyyiin saba kee gidduutti argaman isa irraa haa nyaatan; wanta isaan irraa hafe immoo bineensonni bosonaa haa nyaatan. Maasii wayinii kee fi muka ejersaa* kee irrattis akkanuma godhi. 12  “Guyyaa jaʼaaf hojii kee hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu qotiyyoon kee fi harreen kee akka boqotaniif, akkasumas ilmi garbittii tee fi namni biyya ormaa akka aara galfataniif hojii kee irraa boqodhu.+ 13  “Wantan siin jedhe hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhu;+ maqaa waaqolii kan biroo hin dhaʼin; waaʼeen isaanii afaan kee keessaa hin baʼin.+ 14  “Waggaatti siʼa sadii ayyaana naaf kabaji.+ 15  Ayyaana Maxinoo ni kabajja.+ Biyya Gibxii keessaa kan baate yeroo sanatti waan taʼeef, akkuman si ajajetti ati jiʼa Abiib*+ keessa yeroo murtaaʼetti guyyaa torbaaf maxinoo nyaatta. Eenyu iyyuu harka duwwaa ana duratti hin dhihaatin.+ 16  Kana malees, ayyaana firii jalqabaa dadhabbii keetii isa maasii kee irratti facaastee, jechuunis Ayyaana Makaraa* kabaji.+ Akkasumas dhuma waggichaatti yommuu firii dadhabbii keetii maasii kee irraa galfattu Ayyaana Midhaan Sassaabbii* kabaji.+ 17  Dhiironni kee hundi waggaatti siʼa sadii Yihowaa isa Gooftaa dhugaa taʼe duratti haa dhihaatan.+ 18  “Dhiiga aarsaa taʼee anaaf dhihaatu wanta raacitii qabu akkamii iyyuu wajjin hin dhiheessin. Coomni ayyaanota koo irratti aarsaa taʼee dhihaatu hamma ganamaatti turuu hin qabu. 19  “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+ “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+ 20  “Akka inni daandii kee irratti si eeguu fi gara iddoo ani siif qopheessetti si galchuuf,+ maleekaa koo si dura nan erga.+ 21  Wanta inni jedhu dhagaʼi; sagalee isaatiifis ajajami. Inni balleessaa keessaniif dhiifama waan hin gooneef,+ isin isa irratti fincila hin kaasinaa; sababiin isaas maqaan koo isa irra jira. 22  Haa taʼu malee, of eeggannoodhaan sagalee isaatiif yoo ajajamtee fi wanta ani jedhe hundumaa yoo raawwatte, diinota keetti diina nan taʼa, warra si mormanis nan morma. 23  Sababiin isaas, maleekaan koo si dura buʼee gara Amoorotaa, Heetotaa, Pheriizotaa, Kanaʼaanotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti si fida; anis haxaaʼee isaan nan balleessa.+ 24  Waaqolii isaaniitiif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; gocha isaaniis hin hordofin.+ Kanaa mannaa, isaan balleessi; siidaawwan waaqeffannaa isaaniis caccabsi.+ 25  Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa;+ innis midhaan kee fi bishaan kee ni eebbisa.+ Ani si gidduudhaa dhukkuba nan balleessa.+ 26  Dubartoonni si gidduutti argaman ulfi isaan irraa hin baʼu yookiin dhabduu* hin taʼan;+ ani umurii dheeraa siifan kenna.* 27  “Utuu ati achi hin gaʼin isaan akka na sodaatan nan godha;+ saboonni si lolan hundi akka burjaajaʼan nan godha; diinonni kee hundi moʼamanii si duraa akka baqatan* nan godha.+ 28  Utuu ati achi hin gaʼin diinota keetti naasuu* nan erga;+ ani Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota si duraa nan ariʼa.+ 29  Lafattiin ona akka hin taanee fi bineensonni bosonaa si miidhan achitti akka wal hin horreef, ani waggaa tokko keessatti si duraa isaan hin ariʼu.+ 30  Hamma ati wal hortuttii fi hamma lafattii dhaalaan fudhattutti suutuma suuta isaaniin si duraa nan ariʼa.+ 31  “Daangaan kee Galaana Diimaa irraa jalqabee hamma galaana Filisxeemotaatti, akkasumas lafa onaa sana irraa jalqabee hamma Lagichaatti* akka taʼu nan godha;+ jiraattota biyyattii harka keessanitti dabarsee nan kenna; atis of duraa isaan ni ariita.+ 32  Isaanii wajjin yookiin waaqolii isaanii wajjin kakuu hin galin.+ 33  Isaan ana irratti cubbuu akka si hin hojjechiisneef, biyya kee keessa jiraachuu hin qaban. Ati waaqolii isaanii yoo tajaajilte, kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼa.”+

Miiljaleewwan

Kal., “hin kaasin.”
Ykn., “ragaa namoota hedduu biratti fudhatama qabu deggeruuf.”
Kal., “Dubbii.”
Ykn., “isa hamaa bilisa waanan hin baasneef.”
Ykn., “jireenya (lubbuu) nama biyya ormaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ayyaana Daasii (Godoo Qulqulluu) jedhamees ni waamama.
Ayyaana Torbeewwanii ykn Phenxeqosxee jedhamees ni waamama.
Ykn., “maseena.”
Ykn., “lakkoofsa guyyoota keetii guutuu nan godha.”
Ykn., “dugda isaanii akka sitti garagalchan.”
Ykn tarii, “jeequmsa; sodaa.”
Jechuunis, Efraaxis.