Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 9

Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa

Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa

“Waaqayyo goofticha keessan waaqeffadhaa!”—2 Mootota 17:39

Birooshura kanarraa akkuma barattan, Macaafni Qulqulluun seera buʼuuraa maatii keessan gargaaru hedduu qabateera. Yihowaan akka gammaddan barbaada. Waaqeffannaasaatiif dursa yoo kennitan, ‘kan barbaachisu hundinuu akka isiniif kennamu’ waadaa galeera. (Maatewos 6:33) Michuusaa akka taatan barbaada. Kanaaf, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdan cimsachuuf carraa argattan hundatti fayyadamaa. Kun mirga guddaadha!—Maatewos 22:37, 38.

1 HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABDAN CIMSADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “‘Ani abbaa isiniif nan taʼa, isinis ilmaan koo intaloota koos in taatu’ jedha gooftaan inni hundumaa dandaʼu.” (2 Qorontos 6:18) Waaqayyo michuusaa akka taatan barbaada. Karaa michuusaa taʼuu itti dandeessan keessaa tokko kadhannaadha. Yihowaan ‘kadhata keessan ittuma fufuudhaan’ akka dhiheessitan isin afeereera. (1 Tasaloniiqee 5:17) Yaada garaa keessaniifi yaaddoo keessan dhagaʼuuf ni hawwa. (Filiphisiiyus 4:6) Maatii keetii wajjin yommuu kadhattu, Waaqayyo hammam akka siif dhugoome hubachuu dandaʼu.

Waaqayyoon kadhachuudhaan alattis, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan qayyabachuudhaan isa dhaggeeffachuu dandeessu. (Faarfannaa 1:1, 2) Wanta barattanirratti xiinxalaa. (Faarfannaa 77:11, 12) Waaqayyoon dhaggeeffachuun yeroo hundumaa walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuus kan gaafatudha.​—Faarfannaa 122:1-4.

Karaan hariiroo Yihowaa wajjin qabdan itti cimsattan kan biraan, waaʼeesaa namoota kaanitti himuudha. Akkas yommuu gootan caalaatti isatti dhihaachaa adeemtu. —Maatewos 28:19, 20.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Kadhachuufi Macaafa Qulqulluu dubbisuuf guyyaa guyyaatti yeroo ramadaa

  • Maatiin keessan bashannanarra sochiiwwan hafuuraatiif dursa akka kennu godhaa

2 WAAQEFFANNAA MAATII KEESSANITTI GAMMADAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.” (Yaaqoob 4:8) Waaqeffannaa maatiidhaaf a sagantaa baafachuufi sagantaa sana hojiirra oolchuun barbaachisaadha. (Uumama 18:19) Haataʼu malee, jireenya keessan keessatti yeroo hundumaa Waaqayyoon yaadachuun keessanis barbaachisaadha. ‘Yeroo mana teessan, karaa irra yeroo adeemtan, yeroo ciiftan, yeroo kaatanis waaʼee Waaqayyoo dubbachuudhaan’ hariiroon maatiin keessan isaa wajjin qabu akka cimu godhaa. (Keessa Deebii 6:6, 7) Akka Iyaasuu isa, “Anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedhee taʼuuf karoorfadhaa.​—Iyaasuu 24:15.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Sagantaa leenjii dhaabbataa taʼeefi fedhii tokkoon tokkoon miseensa maatii keessanii xiyyeeffannaa keessa galchu baafadhaa

a Dhugaa Baatonni Yihowaa torban torbaniin maatiidhaan waaqeffachuuf yeroo ramadu. Yeroo kanatti haala gammachiisaa taʼeen wantoota hafuuraarratti mariʼatu.