Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 2

Walii Keessaniif Amanamaa

Walii Keessaniif Amanamaa

“Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!”—Maarqos 10:9

Yihowaan ‘amanamummaadhaaf iddoo guddaa akka kenninu’ barbaada. (Miikiyaas 6:8, NW) Amanamummaan hin jiru taanaan abdii walirra kaaʼachuun waan hin dandaʼamneef, amalli kun gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisaadha. Jaalalli akka cimu gochuurrattis gaʼee guddaa qaba.

Yeroo harʼaa gaaʼela keessatti waliif amanamuun rakkisaa taʼeera. Gaaʼelakee balaa akkasiirraa eeguuf, wanta lama gochuu qabda.

1 GAAʼELAKEETIIF DURSA KENNI

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe adda baasaatii beekaa.’ (Filiphisiiyus 1:10, NW) Gaaʼellikee wantoota baayʼee barbaachisaa taʼan keessaa tokkodha. Kanaaf, dursi kennamuufii qaba.

Yihowaan hiriyaa gaaʼelaakeetiif xiyyeeffannaa akka kennituufi wal faana ‘jireenyatti akka gammaddan’ barbaada. (Lallaba 9:9) Hiriyaa gaaʼelaakee dagachuu mannaa, karaa wal gammachiisuu itti dandeessan barbaaduu akka qabdan dubbateera. (1 Qorontos 10:24) Kanaaf, hiriyaan gaaʼelaakee kan jaallatamuufi iddoo guddaa kan qabu akka taʼe akka itti dhagaʼamu godhi.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Hiriyaa gaaʼelaakeetiif xiyyeeffannaa guutuu kenni, akkasumas yeroo waliin dabarsaa

  • Waaʼee ‘kee’ qofa utuu hin taʼin waaʼee ‘keessan’ yaadi

2 YAADAKEE EEGGADHU

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Maatewos 5:28) Namni tokko garaasaa keessatti gocha hin taane raawwachuu yaada taanaan, hiriyaa gaaʼelaasaatiif amanamaa miti jechuun ni dandaʼama.

Yihowaan, ‘yaadakee baʼeessa gootee eeguu’ akka qabdu dubbateera. (Fakkeenya 4:23; Ermiyaas 17:9) Kana gochuufimmoo ijakee eeggachuu qabda. (Maatewos 5:29, 30) Fakkeenya Iyoob isa abbaa amantii taʼeefi ija hawwiitiin durba akka hin ilaalleef ijasaa wajjin kakuu galee hordofi. (Iyoob 31:1) Gonkumaa poornoogiraafii akka hin ilaalle murteessi. Akkasumas hiriyaa gaaʼelaakeetiin alatti nama kan biraa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa hin qabaatin.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Hiriyaa gaaʼelaakeetiif amanamaa taʼuukee namni hundi akka baru godhi

  • Miira hiriyaa gaaʼelaakee xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, walitti dhufeenya hiriyaa gaaʼelaakeetti hin tolle kamiyyuu hatattamaan addaan kuti