Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Pilaaneetii Jireenyaaf Mijattuu Taate

Pilaaneetii Jireenyaaf Mijattuu Taate

Wantoonni akka tasaa argaman jedhamanii fi hanga jaarraa 20​ffaatti baayʼee hin hubatamne tokko tokko utuu hin jiran taʼee, lubbu qabeeyyiin hin jiran turan. Wantoonni kun kanneen armaan gadii dabalatu:

  • Bakka lafti gaalaaksii Miilkii Weey jedhamuu fi sirna aduu keessatti itti argamtu, oorbiitii ishii, gara tokkotti kan jalʼatte taʼuu ishii, saffisa ishiin ittiin naannoftuu fi addeessa adda taate qabaachuu ishii

  • Sirna maagneetii fi qilleensa naannoo lafaa akka gaachanaatti ishii eegu

  • Marsaawwan uumamaa qilleensaa fi bishaan qulqulleessanii fi akka hin dhumne taasisan

Matadureewwan kana yommuu dubbistu, ‘Lafti wantoota jireenyaaf barbaachisan kan qabaatte akkuma tasaamoo kaayyoodhaani?’ jedhii of gaafadhu.

Teessoo Lafaa

Lafti wantoota gaachana cimaa ishiidhaaf taʼan lama kan qabaatte akkuma tasaatii?

Teessoo kee yommuu barreessitu maalfaa caqasta? Biyya kee, magaalaa kee fi daandii caqasta taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, gaalaaksii Miilkii Weey lafaaf akka “biyyaatti”, sirna aduu akka “magaalaatti”, oorbiitii ishiimmoo akka “daandiitti” caqasuu dandeenya. Gama qorannoo hawaa fi fiiziksiitiin guddinni waan argameef, saayintistoonni hawaa keessatti iddoon lafti itti argamtu mijataa taʼuusaa hubataniiru.

Mee “magaalaa” keenya ykn sirna aduurraa haa eegallu; sirni aduu keenya gara gidduu Miilkii Weey gaalaaksiitti garmalee utuu hin dhihaatin ykn baayʼee utuu irraa hin fagaatin bakka sirriitti argama. Bakki saayintistoonni jireenyaaf mijataadha jedhan kun elemantoota jireenyaaf barbaachisan hamma gaʼaa taʼe qaba. Naannoo walakkaa gaalaaksii kanaarraa yoo fagaate hammi elemantoota naannoo kanatti argamanii xiqqaachaa deema; yoo itti siqemmoo carallaan balaa geessisuu dandaʼu hedduun waan jiruu fi sababii kan biraatiin kan kaʼe balaa guddaa qaba. Barruun Scientific American jedhamu, “Iddoo baayʼee mijataa taʼe jiraachaa jirra” jedheera.1

“Daandii” mijataa: “Daandiin” lafaa ykn ykn orbiitiin ishii inni sirna aduu isa ‘magaalaatti’ fakkeeffame keessatti argamu baayʼee mijataadha. Oorbiitiin aduurraa kiilomeetira miliyoona 150 fagaatee jiru kun, naannoo jireenyaaf mijataa taʼee fi garmalee hin qorrine ykn garmalee hin hoʼine keessatti argama. Daandiin lafaa kun gara geengootti waan siquuf, fageenyi lafti aduurraa qabdu waggaa guutuu baayʼee akka wal hin caalle godha.

Lafti mijattuu akka taatu wanti godhe kan biraanimmoo haala aduuti. Aduun humna gaʼaa fi amansiisaa taʼe maddisiisti, hammi ishiis lafaa wajjin yommuu wal bira qabamu gaʼaadha. Kanaaf, “urjii baayʼee adda taate” jedhamuun ishii sirriidha.2

“Ollaa” gaarii: Lafaaf “ollaa” yoo barbaanne kan addeessa ishiidhaaf caaltu hin argannu. Diyaameetiriin addeessaa hamma ruubii diyaameetirii lafaa taʼa. Kanaaf, pilaaneetota sirna aduu keenya keessa jiran addeessa isaanii wajjin yeroo wal bira qabnee ilaallu, addeessi lafaa baayʼee guddoodha. Kun akkuma tasaa taʼe jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha.

Garbarratti dambaliin akka uumamu kan gootu addeessadha; kunimmoo sirnakkoo lafaatiif baayʼee barbaachisaadha. Addeessi lafti oorbiitii ishiirratti madaallii ishii eeguudhaan akka naannoftus ni gargaarti. Utuu addeessi hin jirtu taatee, lafti haala teessuma ishii isa ammaa gadi dhiistee dalga ciisuudhaan akka calii ofirra naannofti turte! Utuu akkas taʼeemmoo, jijjiirama qilleensaa fi dambalii cimaa dabalatee wantoonni balaa geessisan kaan ni uumamu turan.

Lafti gara tokkotti jalʼattee ofirra naannofti: Lafti gara tokkotti digirii 23.4 jalʼachuun ishii, waqtiileen akka jijijjiiraman, qilleensi gaariin akka jiraatuu fi haalli qilleensaa adda addaa akka jiraatu godha. Kitaabni Rare Earth—Why Complex Life Is Uncommon in the Universe jedhamu, “Hammi pilaaneetiin keenya aksisii ishiirraa jalʼattee jirtu hammuma ‘sirrii taʼe’ fakkaata” jedheera.3

Saffisni lafti ofirra itti naannoftus dheerinni halkanii fi guyyaa ‘sirrii’ akka taʼu godheera. Isa ammaarraa xinnuma yoo hirʼate, guyyaansaa waan dheeratuuf qaamni lafaa inni gara aduutti garagalee jiru garmalee hoʼa; inni aduurraa garagalee jirummoo garmalee diilallaaʼa. Saffisashii xinnoo yoo dabaltemmoo, dheerinni guyyaa gabaabbatee, tarii saʼaatii muraasa qofa waan taʼuuf, qilleensa hamaa fi wantoota balaa geessisan kaantu uumama.

Gaachana Lafaa

Hawaan carallaa cimaa fi wantoota caccaboo miidhaa geessisaniin kan guutamedha. Taʼus, pilaaneetiin keenya ishiin bifa cuquliisaa qabdu iddoo bakka dhukaasa itti shaakalan fakkaatu kana gidduu kan sochootu taʼus miidhaa cimaan ishiirra hin gaʼu. Akkamitti? Lafti loltuu cimaa, jechuunis dirree maagneetawaa fi qilleensa naannoo akka gaariitti qindaaʼe waan qabduufidha.

Gaachana lafaa maagneetawaa isa ijaan hin mulʼanne

Dirree maagneetawaa lafaa: Garaa lafaa keessa sibiila baqee fi bifa kubbaa qabutu jira; kunis lafti dirree maagneetawaa cimaa taʼee fi hawaa keessa bittinnaaʼuudhaan dhiibbaa geessisu akka qabaattu godheera. Gaachanni kun, carallaa miidhaa geessisanii fi humna cimaa aduurraa madduudhaan balaa geessisurraa eegumsa nuuf godha. Humni aduurraa madduu fi pirootoonii fi elektiroonii of keessaa qabu kun yommuu dhukaʼu, daqiiqaa muraasatti humna dhukaasa boombii haayidiroojiinii biliyoonaan lakkaaʼamuu wajjin wal gitu maddisiisa; dhohiinsi naannoo aduu bakka koronaa jedhamutti uumamu, wantoota toonii biliyoona hedduu taʼan hawaa keessa tamsaasa. Dirreen maagneetawaa lafaa kun gaachana akka nuuf taʼe wantoota tokko tokkorraa arguu dandeenya. Humni aduurraa madduu fi dhohiinsi koronaa keessatti uumamu, naannoo dirree maagneetawaa lafaa isa olaanutti ifni bifa adda addaa qabu akka uumamu godhu.

Ifa halluu adda addaa qabu

Qilleensa naannoo lafaa: Gaaziin birdilibsii fakkaatu kun hafuura baafachuuf qofa utuu hin taʼin, eegumsa dabalataa gochuufis nu fayyada. Qilleensi naannoo lafaa istiraatosfer jedhamu oozoonii of keessaa qaba; oozooniin kunis carallaa altiraavaayooleetii jedhamu hanga harka 99​tti of keessatti liqimsee hambisuudhaan miidhaa akka hin geessisne ittisa. Kanaaf, baqqaanni oozoonii kun namootaa fi uumamawwan xixiqqoo bishaan keessaa oksijiinii harka caalaasaa oomishan carallaa miidhaa geessisurraa eega. Oozooniin naannoo istiraatosferiitti argamu hammisaa dhaabbataa miti. Yeroo carallaan altiraavaayooleetii dabalu innis ni dabala. Kanaafuu, baqqaanni oozoonii gaachana akka haalasaatti jijijjiiramuu fi baayʼee cimaa taʼedha.

Qilleensi naannoo lafaa wantoota caccaboo hawaa keessa jiran irraa nu eega

Qilleensi naannoo lafaa kun guyyaa guyyaadhaan wantoota caccaboo xixinnoo fi guguddoo miliyoonaan lakkaaʼamanii fi gara lafaa dhufan nurraa ittisa. Wantoonni kun baayʼeen isaanii qilleensa naannoo lafaa keessatti gubachuudhaan ifa miitiyoor jedhamu uumu. Taʼus, gaachanni lafaa kun ifnii fi hoʼi jireenyaaf barbaachisu gara lafaa akka hin dhufne hin dhowwu. Kanaa mannaa, hoʼi guutummaa lafaa akka wal gaʼu godha; galgala galgalammoo akka birdilibsiitti tajaajiluudhaan hoʼi baayʼinaan akka hin baane dhowwa.

Qilleensi naannoo lafaa fi dirreen maagneetawaa diizaayinii ajaaʼibsiisa hanga ammaatti guutummaatti hubachuun hin dandaʼamne qabu. Marsaawwan jireenyi lafarraa akka itti fufu godhanis guutummaatti hin hubatamne.

Lafti bakka ammaa caalaa bakka jireenyaaf mijataa taʼe argachuu ni dandeessii?

Marsaawwan uumamaa jireenyaaf barbaachisan

Magaalaan tokko qilleensaa fi bishaan yoo argachuu baatte, ujummoon balfaa yoo cuqqaalame, uummanni ishii dhukkubaa fi duʼaaf saaxilamu. Lafti garuu akkuma mana nyaataa wantoonni nyaataaf barbaachisan alaa bitamanii dhufanii fi kosiin isaammoo alatti gatamuu miti. Qilleensa qulqulluunii fi bishaan kan argannu iddoo biraatii miti, kosiinis bakka kan biraatti hin gatamu. Maarree lafti qulqulluu fi jireenyaaf mijattuu taatee itti fufuu kan dandeesse akkamitti? Marsaawwan kanneen akka marsaa bishaanii, marsaa kaarboonii fi marsaa naayitiroojiiniittin kan kaʼedha.

Marsaa bishaanii: Bishaan jireenyaaf barbaachisaadha. Namni bishaan malee guyyoota muraasa caalaa jiraachuu hin dandaʼu. Marsaan bishaanii, bishaan qulqulluun lafarra akka jiraatu godha. Marsaan kunis sadarkaa sadii qaba. (1) Hoʼi aduu bishaan asii ol hurkee qilleensa naannootti akka makamu godha. (2) Hurki sunimmoo walitti qabamee duumessa uuma. (3) Duumessi kun bifa bokkaa fi cabbiidhaan deebiʼee roobee ammas hurkuuf qophaaʼa. Haala kanaan marsaa isaa xumura. Waggaatti bishaan hammamiitu marsaa kana keessa darba? Tilmaamaan bishaan guutumaa lafaa uwwisee seentiimeetira 80 ol dheeratutu marsaa kana keessa darba.4

Marsaa kaarboonii fi oksijiinii: Jiraachuuf oksijiinii ofitti fudhachuu fi kaarboon daayoksaayidii gara alaatti baasuu qabna. Taʼus, namoonnii fi bineensonni hundi, oksijiinii ofitti fudhatanii kaarboon daayoksaayidii gara alaatti baasu. Garuu qilleensa naannoo lafaa keessaa oksijiiniin dhumee kaarboon daayoksaayidiidhaan kan hin guutamne maaliifi? Marsaan oksijiinii waan jiruufidha. (1) Biqiltoonni kaarboon daayoksaayidii fi humna ifa aduurraa argataniin kaarboohaaydireetii fi oksijiinii oomishu; adeemsi kun footoosinteesisii jedhama. (2) Yeroo oksijiinii ofitti fudhannu marsaan sun ni xumurama. Biqiltoonni kun kan guddatanii fi oksiijiiniin kan oomishamu karaa qulqullina qabuun, hamma gaʼaa taʼe, akkasumas utuu sagalee hin dhageessisinidha.

Marsaa naayitroojiinii: Jireenyi lafarraa akka itti fufuuf molokiyuulonni kanneen akka pirootiinii oomishamuun isaanii barbaachisaadha. (A) Molokiyuulota kana oomishuufimmoo naayitiroojiiniin barbaachisaadha. Kan nama gammachiisu qilleensa naannoo lafaa keessaa harki 78 gaazii kanadha. Balaqqeessi, naayitroojiinii gara koompaawundoota biqiltoonni ofitti fudhachuu dandaʼaniitti jijjiira. (B) Achiis biqiltoonni kompaawundoota kana molokiyuulota orgaanikii wajjin walitti maku. Bineensonni biqiltoota kana nyaatanis naayitroojiinii argatu. (C) Biqiltoonnii fi bineensonni kun yeroo duʼanimmoo baakteeriyaan naayitroojiinii isaan keessa jiru burkuteessa. Haala kanaan tortoruunsaa naayitiroojiiniin gara biyyoo fi qilleensa naannootti akka deebiʼu gochuudhaan marsaa kana xumura.

Dandeettii of haaromsuu dinqisiisaa taʼe!

Meeshaaleen teknoolojii ammayyaa, waggaa waggaadhaan kosiiwwan summaaʼoo deebisanii itti fayyadamuun hin dandaʼamee fi toonii hedduu taʼan gara alaatti baasu. Lafti garuu keemikaalota adda addaatti fayyadamuudhaan kosiiwwan ishii hunda gara wantoota faayidaa qabaniitti jijjiirti.

Lafti dandeettii ofiin of haaromsuu qabaachuu kan dandeesse akkamitti? Barreessaa dhimma amantii fi saayinsii kan taʼan Maayikil Antoonii Koorey, “Sirnakkoon lafaa akkuma tasaa argame utuu taʼee, haalli naannoo gaariin akkanaa matumaa jiraachuu hin dandaʼu” jedhaniiru.5 Atoo kanarratti walii galtaa?