Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaan Kitaaba Qulqulluu Yihudoonni Boojuu Baabilon Jala Akka Galan Ibsu Dhugaa Dhaa?

Seenaan Kitaaba Qulqulluu Yihudoonni Boojuu Baabilon Jala Akka Galan Ibsu Dhugaa Dhaa?

 Waggoota 2,600 dura, Yihudoonni dirqamaan gara Baabilon kan geeffaman siʼa taʼu, boojuudhaan waggoota 70f achi jiraataniiru. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, Waaqni Yihudoonni boojuu Baabilon jala yommuu galanitti jireenyi isaanii maal akka fakkaatu raajiidhaan yeroo dubbatu akkana jedhee ture: “Mana ijaarradhaatii keessa taaʼaa, lafa qotadhaatii wanta isa irraa argattan nyaadhaa! Niitii fuudhaatii ijoollee horaa, . . . Mandara ani akka isin boojiʼamtanii itti geeffamtan godhe kanaaf nagaa barbaadaa.” (Ermiyaas 29:1, 4-7) Dhugumaan Yihudoota haalli jireenyaa akkasii isaan mudateeraa?

 Qorattoonni, supheewwan battee Baabilon durii keessaa ykn immoo naannoo sanaa kan argaman fakkaatanii fi 100 taʼan irratti qorannaa godhaniiru. Supheewwan babatteen kun, Yihudoonni bulchiinsa Baabiloniif nagaadhaan bitamaa kan turan taʼus, addaa fi amantii ofii isaanii hordofaa akka turan argisiisu. Supheewwan babatteen kun kan barreeffaman Dh.K.D. bara 572 hamma Dh.K.D. bara 477 gidduutti siʼa taʼan, walii galtee kiraa, hojii daldalaa, waadaa kaffaltii kaffaluuf galamee fi galmeewwan maallaqaa wajjin wal qabatan kan biroo of keessatti kan qabani dha. Kitaabni ibsa kennu tokko akkana jedheera: “Barreeffamoonni kun, namoonni boojiʼaman sun namoota bakka guddaa hin qabnee fi baadiyyaa keessa jiraatan akka turan argisiisu; lafa qotu, mana ijaaru, qaraxa kaffalu, akkasumas mooticha tajaajilu turan.”

Barreeffama suphee kiyuunifoormii irratti barreeffamee fi magaalaa Yihudaa keessaatti argame

 Walitti qabaan barruulee barbaachisoo taʼan kanaa, Yihudoonni lakkoofsaan baayʼee taʼan naannoo Magaalaa Al Yaahuduu keessa jiraachaa akka turan argisiisa. Maqaan Yihudootaa hamma dhaloota afuriitti supheewwan babattee sana irratti kan barreeffame yoo taʼu, muraasni isaanii Afaan Ibrootaa duriitiin kan barreeffaman turan. Supheewwan babatteen kunneen argamuu isaanii dura, hayyoonni jireenya Yihudoonni Baabilon keessatti boojuudhaan dabarsan ilaalchisee waan baayʼee hin beekan turan. Miseensa boordii hoggantootaa abbaa taayitaa eegumsa hambaalee Israaʼel kan taʼan Dooktor Filiippi Vakasaavoviik akkana jedhaniiru: “Supheewwan babattee kanneen dubbisuudhaan, dhuma irratti waaʼee Yihudoota boojiʼaman kanaa, maqaa isaanii, bakka jiraatan, yeroo itti jiraatanii fi maal hojjechaa akka turan beekuu dandeenyeerra.”

Yihudoonni boojuu Baabilon jala yeroo turanitti hamma tokko bilisummaa qabu turan

 Yihudoonni boojiʼaman sun, bakka jiraatanii fi maal akka hojjetan filachuuf hamma tokko mirga qabu turan. Vakasaavoviik, “magaalaa Al Yaahuduu keessa qofa utuu hin taʼin, magaalota kan biroo hedduu keessa” jiraachaa akka turan dubbataniiru. Isaan keessaa tokko tokko ogummaa gosa adda addaa barataniiru; kun immoo yeroo booda Yerusaalemiin deebisanii ijaaruuf isaan gargaareera. (Nahimiyaa 3:8, 31, 32) Supheewwan babatteen Al Yaahuduu keessatti argaman akka mirkaneessanitti, Yihudoonni hedduun yeroon dirqamaan itti boojiʼaman erga darbee booda illee Baabilon keessa turuu filataniiru. Kunis akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, Baabilon keessa yeroo turanitti haalli isaan keessa turan hamma tokko nagaa qabeessa akka ture argisiisa.