Ermiyaas 29:1-32

  • Xalayaa Ermiyaas boojiʼamtoota Baabiloniif barreesse (1-23)

    • Israaʼel waggaa 70 booda ni deebiʼa (10)

  • Ergaa Shemaayaadhaaf ergame (24-32)

29  Xalayaan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara jaarsolii uummata boojiʼame gidduutti argamaniitti, gara lubootaatti, gara raajotaattii fi gara namoota Nebukadnezaar Yerusaalem irraa gara Baabilonitti boojuudhaan fudhate hundumaatti erge akkana jedha;  kunis kan taʼe, Yikooniyaan+ Mootichi, haati mootichaa,*+ abbootiin taayitaa mana mootummaa, bulchitoonni Yihudaa fi Yerusaalem, ogeeyyiin harkaa fi warri hojii sibiilaa hojjetan* Yerusaalem keessaa erga baʼanii booda ture.+  Xalayaa kanas karaa Elʼaasaa ilma Shaafaanii+ fi karaa Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeeqiyaan+ mootiin Yihudaa gara Nebukadnezaar mootii Baabilonitti erge sanaa gara Baabilonitti ni erge. Xalayichis akkana jedha:  “Namoota boojiʼamanii Yerusaalem irraa gara Baabilonitti geeffaman sana hundumaa ilaalchisee Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:  ‘Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa. Biqiltoota dhaabaatii firii isaanii nyaadhaa.  Haadha manaa fuudhaatii ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa godhadhaa; isaanis ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa akka godhataniif, ijoollee dhiiraa keessan fuusisaa, ijoollee durbaa keessanis heerumsiisaa. Achitti baayʼadhaa malee lakkoofsi keessan hin hirʼatin.  Isin nagaa kan argattan ishiin nagaa yoo argatte waan taʼeef, magaalaa ani boojiʼamtanii gara ishiitti akka geeffamtan godhe sanaaf nagaa barbaadaa; Yihowaas ishiidhaaf kadhadhaa.+  Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Raajonni keessanii fi warri hooda isiniif dubbatan kanneen isin gidduutti argaman isin hin gowwoomsin;+ abjuu isaan abjuʼatanis hin dhagaʼinaa.  Sababiin isaas, ‘Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru. Ani isaan hin ergine’+ jedha Yihowaan.”’” 10  “Yihowaan akkana jedha: ‘Waggaan 70ni Baabilonitti dabarsitan yommuu xumuramu, xiyyeeffannaa koo gara keessanitti nan deebisa;+ gara iddoo kanaatti isin deebisuudhaanis waadaan gale nan raawwadha.’+ 11  “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariittan beeka; innis badiisa utuu hin taʼin nagaa+ dha; ani egeree gaarii fi abdii isiniif nan kenna.+ 12  Isin na waammattu; dhuftaniis kadhannaa natti dhiheeffattu; anis isin nan dhagaʼa.’+ 13  “‘Kan na barbaaddattan garaa keessan guutuudhaan waan taʼuuf,+ isin na barbaaddattu, na argattus.+ 14  Anis isiniif nan argama’+ jedha Yihowaan. ‘Boojiʼamtoota keessan walitti nan qaba; sabootaa fi iddoowwan ani itti isin bittinneesse hundumaa keessaas walitti isin nan sassaaba.+ Gara iddoo ani irraa boojiʼamtanii akka fudhatamtan godhe sanaattis isin nan deebisa’+ jedha Yihowaan. 15  “Isin garuu, ‘Yihowaan Baabilon keessatti raajota nuuf kaaseera’ jettan. 16  “Yihowaan mooticha teessoo Daawit irra taaʼee jiruun,+ namoota magaalaa kana keessa jiraatan hundumaatiin, jechuunis obboloota keessan warra isinii wajjin boojuudhaan hin fudhatamneen akkana jedha: 17  ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani goraadee, beelaa fi golfaa* isaanitti nan erga;+ akkasumas akkuma harbuu baayʼee tortoruu* isaatiin kan kaʼe nyaatamuu hin dandeenyee akka taʼan nan godha.”’+ 18  “‘Kana malees, goraadeedhaan,+ beelaa fi golfaadhaan isaan nan ariʼa; mootummoota lafaa hundumaa biratti wanta nama sodaachisu akka taʼan nan godha;+ saboota warra ani itti isaan bittinneessu gidduuttis warra abaaraman, wanta nama ajaaʼibsiisu, warra itti siiqsamuu+ fi warra arrabsaman akka taʼan nan godha;+ 19  sababiin isaas, irra deddeebiʼee* raajota tajaajiltoota koo taʼan gara isaaniitti kanan erge taʼus, isaan dubbii koo isan karaa isaanii isaanitti erge sana hin dhageenye’+ jedha Yihowaan. “‘Haa taʼu malee, isinis hin dhageenye’+ jedha Yihowaan. 20  “Kanaafuu, isin warri boojiʼamtan hundi, jechuunis warri ani Yerusaalem irraa gara Baabilonitti erge, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 21  Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa, Ahaab ilma Qolaayaa fi Zedeeqiyaa ilma Maaʼaaseyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiran+ ilaalchisee akkana jedha: ‘Kunoo, ani harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti dabarsee isaan nan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan ni ajjeesa. 22  Wanti isaan irra gaʼus, abaarsa namoonni Yihudaadhaa boojiʼamanii Baabilon keessa jiran hundi, “Yihowaan akkuma Zedeeqiyaa fi Ahaab warra mootiin Baabilon ibiddaan waade sanaa si haa godhu!” jedhanii dubbatan ni taʼa; 23  sababiin isaas, isaan haadhotii manaa namoota kan biroo wajjin ejja raawwachuudhaan, akkasumas utuun isaan hin ajajin maqaa kootiin dubbii sobaa dubbachuudhaan+ Israaʼel keessatti gocha salphinaa raawwataniiru.+ “‘“Ani wanta kana beeka, kanaafis ragaa dha”+ jedha Yihowaan.’” 24  “Shemaayaa+ isa nama Nehelaam taʼe sanaan akkana jedhi: 25  ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati gara namoota Yerusaalem keessa jiran hundumaatti, gara Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼettii fi gara luboota hundumaatti akkana jettee maqaa keetiin xalayaa ergiteetta: 26  ‘Mana Yihowaa irratti ilaaltuu ol aanaa akka taatuuf, akkasumas nama maraatee akka raajii taʼu hundumaa irratti aangoo akka qabaattuu fi jirma* gidduu galchitee akka isa hiituuf, Yihowaan bakka Yehoyaadaa lubichaa luba si godheera;+ 27  maarree, ati Ermiyaas nama Anaatot+ isa isin duratti akka raajii taʼu sana kan hin adabne maaliifi?+ 28  Sababiin isaas inni dhaamsa, “Boojuun kun bara dheeraa tura! Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa. Biqiltoota dhaabaatii firii isaanii nyaadhaa,+ . . .” jedhu illee gara Baabilonitti nuuf ergeera.’”’” 29  Sefaaniyaan+ lubichi utuma Ermiyaas raajichi dhagaʼuu xalayaa kana yommuu dubbisu, 30  dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 31  “Akkana jedhiitii namoota boojiʼaman hundumaatti dhaamsa ergi: ‘Yihowaan Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼe sana ilaalchisee akkana jedha: “Ani kan isa hin ergine taʼus, Shemaayaan raajii waan isiniif dubbateef, akkasumas sobatti akka amanamtan gochuuf waan yaaleef,+ 32  Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼettii fi gara sanyii isaatti nan deebisa. Inni Yihowaa irratti fincila waan kakaaseef, saba kana keessaa namni kan isaa taʼe tokko illee lubbuudhaan hin oolu, innis wanta gaarii ani saba kootiif godhu hin argu’ jedha Yihowaan.”’”

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “warri dallaawwan ittisaa ijaaran.”
Ykn., “giiftittiin.”
Ykn tarii, “dhoʼuu.”
Ykn., “dhukkuba.”
Kal., “bariidhaan kaʼee.”
Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Jechuunis, jirma miila, harkaa fi morma ittiin hidhan.