Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Abbaa Keetii fi Haadha Keetiif Ulfina Kenni” Jechuun Maal Jechuu Dha?

“Abbaa Keetii fi Haadha Keetiif Ulfina Kenni” Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Ajajni “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo baayʼeetti caqasameera. (Baʼuu 20:12; Keessa Deebii 5:16; Maatewos 15:4; Efesoon 6:2, 3) Ajajni kun qabxiiwwan ijoo afur hojii irra oolchuu dabalata.

  1.   Akka isaan dinqisiifattu argisiisi. Wanta isaan sii godhan hundaaf yommuu isaan galateeffattu abbaa fi haadha kee akka kabajju argisiista. Qajeelfama isaan sii kennaniif iddoo guddaa kennuudhaan dinqisiifannaa isaaniif qabdu argisiisuu dandeessa. (Fakkeenya 7:1, 2; 23:26) Kitaabni Qulqulluun warri kee “ulfina” kee akka taʼanitti akka isaan ilaaltu, jechuunis akka isaaniin boontu si jajjabeessa.—Fakkeenya 17:6, NW.

  2.   Aangoo isaaniitiif bitami. Keessattuu yeroo ijoollee turtetti Waaqayyo aangoo akka isaaniif kenne yommuu hubattu abbaa fi haadha kee ni kabajja. Qolosaayis 3:20 ijoollee ilaalchisee, “Kun Gooftaa kan gammachiisu waan taʼeef, waan hundumaan warra keessaniif ajajamaa” jedha. Yesuus iyyuu yeroo ijoollee turetti warra isaatiif fedhiidhaan ajajameera.—Luqaas 2:51.

  3.   Kabaja isaaniif qabaadhu. (Lewwoota 19:3; Ibroota 12:9) Kun yeroo baayʼee wanta dubbattuu fi akkaataa itti dubbattu dabalata. Dhugaadha, warri tokko tokko darbee darbee wantoota isaan kabajuun ulfaataa akka taʼu godhan raawwatu. Yeroo akkasiitti illee ijoolleen dubbii fi gocha warra isaanii akka tuffatan argisiisu irraa fagaachuudhaan isaan kabajuu dandaʼu. (Fakkeenya 30:17) Kitaabni Qulqulluun abbaa ykn haadhatti wanta hamaa dubbachuun cubbuu cimaa akka taʼe barsiisa.—Maatewos 15:4.

  4.   Wanta isaaniif barbaachisu guutiif. Warri kee yommuu dullooman deeggarsa qabatamaa barbaadu taʼa. Wanta isaan barbaachisu akka qabaatan gochuuf wanta dandeessu hunda gochuudhaan isaan kabajuu dandeessa. (1 Ximotewos 5:4, 8) Fakkeenyaaf Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura haati isaa kunuunsa akka argattu gochuuf haala mijeesseera.—Yohaannis 19:25-27.

Abbaa fi haadhaaf ulfina kennuu ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Abbaa fi haadha keetiif ulfina kennuun gaaʼela kee akka toʼatan heyyamuu dabalata.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun hariiroo maatii keenya wajjin qabnu caalaa walitti dhufeenya gaaʼelaatiif dursa kennuu akka qabnu barsiisa. Uumamni 2:24: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana” jedha. (Maatewos 19:4, 5) Dhugaadha hiriyoonni gaaʼelaa gorsa warra isaanii ykn soddaa isaanii irraa fayyadamuu dandaʼu. (Fakkeenya 23:22) Taʼus hiriyoonni gaaʼelaa firoonni isaanii gaaʼela isaanii keessa akka hin seenne daangaa barbaachisaa taʼe gochuuf murteessuu dandaʼu taʼa.—Maatewos 19:6.

 Yaada dogoggoraa: Abbaa fi haati kee aangoo daangaa hin qabne qabu.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo maatii keessatti warraaf aangoo kan kenne taʼus, aangoon ilmaan namootaa hundi daangaa qaba, akkasumas namoonni gonkumaa Waaqayyoo ol aangoo qabaachuu hin dandaʼan. Fakkeenyaaf manni murtii ol aanaan tokko barattoonni Yesuus Waaqayyoof akka hin ajajamne yeroo isaan ajajetti, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna” jedhanii deebisaniiru. (Hojii Ergamootaa 5:27-29) Haaluma wal fakkaatuun ijoolleen “fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun,” jechuunis hamma seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessinetti warra isaaniitiif ni ajajamu.—Efesoon 6:1.

 Yaada dogoggoraa: Abbaa fi haadha keetiif ulfina kennuun amantii isaanii hordofuu dabalata.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun wanti baranne dhugaa taʼuu isaa beekuuf qorannaa akka goonu nu jajjabeessa. (Hojii Ergamootaa 17:11; 1 Yohaannis 4:1) Namni akkas godhu tokko oolee bulee amantii warra isaa irraa adda taʼe filachuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun Abrahaam, Ruutii fi Phaawulos ergamaa dabalatee tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan hedduun amantii warra isaanii akka hin hordofne dubbata.—Iyaasuu 24:2, 14, 15; Ruut 1:15, 16; Galaatiyaa 1:14-16, 22-24.

 Yaada dogoggoraa: Abbaa fi haadha keetiif ulfina kennuuf sirna aadaa waaqeffannaa abbootii durii irratti hirmaachuu qabda.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedha. (Luqaas 4:8) Namni abbootii durii waaqeffatu Waaqayyo gaddisiisa. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun ‘warri duʼan waan tokko iyyuu akka hin beekne’ barsiisa. Ulfina isaaniif kennamu beekuus taʼe, warra lubbuudhaan jiran gargaaruu ykn miidhuu hin dandaʼan.—Lallaba 9:5, 10; Isaayaas 8:19.