Dhimma ijoo ta'etti seeni

Amantii Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Amantii Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun garaagarummaa namoota amantii dhugaa hordofanii fi hin hordofne gidduu jiru akkamitti beekuu akka dandeenyu yommuu ibsu, “Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu. Namoonni qoree irraa wayinii yookiin sokorruu irraa ija harbuu funaanuu dandaʼuu ree?” jedha. (Maatewos 7:16) Muka wayinii qoree irraa firii isaaniitiin addaa baasuu akkuma dandeessu, amantii dhugaas amantii sobaa irraa firii isaatiin ykn wantoota addaa baasanii isa beeksisan kanaan adda baastee beekuu dandeessa.

  1.   Amantii dhugaan falaasama namootaa utuu hin taʼin, dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe barsiisa. (Yohaannis 4:24; 17:17) Kunis dhugaa amantii waaʼee lubbuu fi abdii lafa jannata taatu irraa bara baraaf jiraachuu dabalata. (Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899; Isaayaas 35:5, 6; Hisqiʼel 18:4) Kana malees, barumsawwan amantii sobaa saaxiluu irraa duubatti hin jedhu.—Maatewos 15:9; 23:27, 28.

  2.   Amantii dhugaan waaʼee maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhu barsiisuu dabalatee namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan isaan gargaara. (Faarfannaa 83:18, NW; Isaayaas 42:8; Yohaannis 17:3, 6) Amantii dhugaan Yihowaan Waaqa hubatamuu hin dandeenye ykn itti hin dhihaatamne utuu hin taʼin, namoonni isaa wajjin hariiroo akka uuman kan barbaadu taʼuu isaa barsiisa.—Yaaqoob 4:8.

  3.   Amantii dhugaan, Waaqayyo namoota kan fayyisu karaa Yesuus Kiristoos qofa akka taʼe addeessa. (Hojii Ergamootaa 4:10, 12) Hordoftoonni amantii dhugaa ajaja Yesuus ni eegu, fakkeenya isaa hordofuufis ni carraaqu.—Yohaannis 13:15; 15:14.

  4.   Amantii dhugaan abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe barsiisa. Hordoftoonni isaa waaʼee Mootummaa kanaa dhimmanii namoota kaanitti himu.—Maatewos 10:7; 24:14.

  5.   Amantii dhugaan namoonni jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabaatan jajjabeessa. (Yohaannis 13:35) Akkasumas namoonni gosa namootaa hundaaf kabaja akka qabaatanii fi namoota bifa, aadaa, qooqaa fi akkaataa guddinaa garagaraa qaban akka simatan barsiisa. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Jaalaalaan waan geggeeffamaniif, hordoftoonni isaa waraana irratti hin hirmaatan.—Miikiyaas 4:3; 1 Yohaannis 3:11, 12.

  6.   Amantii dhugaan luboota mindaadhaan hojjetan hin qabu, akkasumas tajaajiltoota isaatiif amantii wajjin haala wal qabateen maqaa ulfinaa adda taʼe hin kennu.—Maatewos 23:8-12; 1 Pheexiros 5:2, 3.

  7.   Amantii dhugaan dhimmoota siyaasaa irraa guutummaatti walaba dha. (Yohaannis 17:16; 18:36) Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif [abbootii taayitaa ol aanaa argisiisa], wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa” jedhuu wajjin haala wal simuun hordoftoonni isaa mootummaa biyya isaanii ni kabaju, akkasumas ni ajajamuuf.—Maarqos 12:17; Roomaa 13:1, 2.

  8.   Amantii dhugaan daandii jireenyaa ti malee, akkasumaan sirna amantii tokko raawwachuu qofa miti. Hordoftoonni amantii dhugaa jireenya isaanii hunda keessatti ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluu ol aanaa taʼe cimsanii hordofu. (Efesoon 5:3-5; 1 Yohaannis 3:18) Taʼus, kan gaddan utuu hin taʼin, “Waaqa gammadaa” waaqeffachuu isaanitti ni gammadu.—1 Ximotewos 1:11.

  9.   Namoonni amantii dhugaa hordofan lakkoofsi isaanii muraasa dha. (Maatewos 7:13, 14) Hordoftoonni amantii dhugaa fedhii Waaqayyoo waan raawwataniif, yeroo baayʼee ni tuffatamu, itti qoosama, akkasumas ni ariʼatamu.—Maatewos 5:10-12.

Namni tokko miira isaa irratti hundaaʼee amantii dhugaa beekuu hin dandaʼu

 Miira keenya qofa irratti hundoofnee amantii filachuun balaa qaba. Kitaabni Qulqulluun, yeroon namoonni, ‘barsiisota amantii akka fedha isaaniitti gurra isaanii isaaniif qirqirsan itti sassaabbatan’ akka dhufu raajii dubbateera. (2 Ximotewos 4:3) Faallaa kanaatiin Kitaabni Qulqulluun, amantiin sun kan hin jaallatamne yoo taʼe illee, gorsa,“Akka ilaalcha Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan qulqulluu taʼee fi xurii hin qabne isa kana” jedhu akka hordofnu nu jajjabeessa.—Yaaqoob 1:27; Yohaannis 15:18, 19.