Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa Kitaaba Qulqulluu Okkotee Bara Durii Irratti Barreeffame

Maqaa Kitaaba Qulqulluu Okkotee Bara Durii Irratti Barreeffame

Caccabaan okkotee suphee waggaa 3,000 galmeessisee fi bara 2012tti qotamee argame tokko, dhiheenyatti qalbii qorattootaa hawwateera. Argannoo kana wanti adda godhu maali dha? Caccabaa suphee argame sana utuu hin taʼin, wanta isa irratti barreeffame ture.

Qorattoonni caccabaa suphee sana yeroo walitti qabsiisanitti, barreeffama Kanaʼaanota durii argachuu dandaʼaniiru. Barreeffamichi “Esh-Baʼaal Been [ilma] Beedaa” jedha ture. Qorattoonni maqaa kana barreeffama durii irratti kan argatan yeroo jalqabaatiifi dha.

Esh-Baʼaal inni biraan Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasame immoo ilma Saaʼol Mootichaa ti. (1 Sen. 8:33; 9:39) Piroofeesarri Yooseef Gaarfiinkal jedhamanii fi qorannaa kana irratti hirmaatan akkana jedhaniiru: “Maqaan Esh-Baʼaal jedhamu Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuun isaa nama dinqisiisa; qorannaa arkiʼooloojii irraa akka hubannutti immoo, maqichi bara bulchiinsa Daawit Mootichaa keessatti qofa ture.” Namoonni tokko tokko maqaan kun bara sanatti qofa akka ture yaadu. Kun fakkeenya arkiʼooloojiin Kitaaba Qulqulluu akka deggeru argisiisu kan biraa dha.

Kitaaba Qulqulluu iddoo biraa irratti immoo, “baʼaal” inni jedhu “bosheet” isa jedhuun bakka buufamuudhaan maqaan Esh-Baʼaal jedhu Ish-Bosheetitti geddarameera. (2 Sam. 2:10) Maaliif? Qorattoonni yeroo kana ibsan akkana jedhaniiru: “Saamuʼel Isa Lammaffaa keessatti maqaa Esh-Baʼaal jedhutti kan hin fayyadamne Baʼaal isa waaqa roobaa Kanaʼaanotaa taʼe sabicha yaadachiisa jedhamee waan yaadameef taʼuu hin oolu; haa taʼu malee, maqaan inni jalqabaa [Esh-Baʼaal] amma iyyuu kitaaba Seenaa Baraa keessatti ni argama.”