Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Michummaan Balaadhaaf Saaxilamutti Michuu Dhugaa Taʼuu

Yeroo Michummaan Balaadhaaf Saaxilamutti Michuu Dhugaa Taʼuu

Jiyaanii fi Maaʼuriziiyoon michummaan isaanii waggaa 50f kan ture dha. Haa taʼu malee, yeroon itti michummaan isaanii balaadhaaf saaxilame jira ture. Maaʼuriziiyoon, “Yeroo rakkisaa taʼe tokkotti dogoggora cimaa hojjechuu kootiin kan kaʼe gargar baanee turre” jedheera. Jiyaanis itti dabalee akkana jedheera: “Yeroon Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabetti kan na qoʼachiisu Maaʼuriziiyoo ture. Karaa hafuuraa barsiisaa koo ture. Kanaaf, wanta akkasii ni raawwata jedhee hin eegneen ture. Sana booda michoota taanee itti fufuu waan hin dandeenyeef baayʼeen gadde. Akkan ganame natti dhagaʼame.”

MICHOONNI gaariin gatii guddaa kan qaban siʼa taʼu, michummaan yeroo dheeraadhaaf turu wanta akka carraa argamu miti. Michummaan keessan yoo balaadhaaf saaxilame, balaa irraa oolchuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? Michoota gaarii yeroo booda michummaan isaanii balaadhaaf saaxilamee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko irraa barumsaa guddaa argachuu dandeenya.

YEROO MICHUUN KEENYA DOGOGGORA RAAWWATU

Daawit inni tiksee fi mootii ture michoota gaggaarii qaba ture. Michoota isaa keessaa Yonaataaniin yaadanna taʼa. (1 Sam. 18:1) Haa taʼu malee Daawit, michoota kaanis kan qabu siʼa taʼu, Naataan raajichi isaan keessaa tokko ture. Michummaan isaanii yoom akka jalqabe Kitaabni Qulqulluun hin dubbatu. Taʼus, akkuma isin michuu keessanitti iccitii himattan, Daawit yeroo tokko Naataanitti iccitii isaa himatee ture. Daawit, Yihowaadhaaf mana ijaaruu barbaadee ture. Mootichi yaada Naataan inni michuu isaa turee fi hafuura Yihowaatiin geggeeffamu isaaf kenneef iddoo guddaa kenneefii taʼuu qaba.—2 Sam. 7:2, 3.

Haa taʼu malee, wanti michummaa isaanii balaadhaaf saaxilu tokko uumamee ture. Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin ejja kan raawwate siʼa taʼu, abbaan manaa ishii Uriiyaanis akka ajjeeffamu godhee ture. (2 Sam. 11:2-21) Daawit waggoota hedduudhaaf Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera; haqas hin jalʼisu ture. Yeroo kanatti garuu cubbuu cimaa raawwate! Mootii gaariin kun cubbuu akkanaa kan raawwate maal taʼee ti? Gochi isaa kun miidhaa guddaa akka geessisu hin hubannee laata? Moo Waaqayyo jalaa dhoksuu akka dandaʼu yaade?

Yeroo kanatti Naataan maal godha laata? Dhimma kana ilaalchisee namni biraan mooticha akka haasofsiisu godhaa? Namoonni kaanis, wanta Daawit Uriiyaa ajjeesisuuf godhe beeku turan. Maarree Naataan dhimma kana keessa seenuudhaan wanta michummaa isaanii kana balaadhaaf saaxiluu dandaʼu kan godhe maaliifi? Naataan dhimma kana dubbachuun isaa lubbuu isaa illee isa dhabsiisuu dandaʼa ture. Daawit Uriiyaa isa balleessaa hin qabne iyyuu ajjeesiseera.

Haa taʼu malee, Naataan nama Waaqayyoon bakka buʼee dubbatu ture. Raajichi utuu calliseera taʼee, walitti dhufeenyi inni Daawitii wajjin qabu akkuma jirutti itti hin fufu; qalbiin isaas isa ceephaʼa ture. Michuun isaa Daawit wanta Yihowaa duratti fudhatama isa dhabsiisu raawwate. Mootichi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu haaromsuuf gargaarsi isa barbaachisa. Eeyyee, Daawit yeroo kanatti michuu dhugaan isa barbaachisa ture. Naataan immoo michuu akkasii ture. Fakkeenya Daawit isa tiksee ture tuquu dandaʼu fayyadamuudhaan waaʼee dhimma kanaa isa haasofsiise. Naataan ergaa Waaqayyoo kan dabarse taʼus, karaa Daawit dogoggorri isaa hammam cimaa akka taʼe akka hubatu godhuu fi tarkaanfii fudhachuuf isa kakaasuun dubbate.—2 Sam. 12:1-14.

Michuun kee tokko dogoggora guddaa ykn cubbuu cimaa yoo raawwate maal goota? Tarii, dogoggora isaa yoon itti hime michummaan keenya balaadhaaf saaxilama jettee yaadda taʼa. Yookiin immoo cubbuu raawwate kana jaarsolii karaa hafuuraa isa gargaaruu dandaʼanitti yoo himte, akka waan isa gantetti sitti dhagaʼama taʼa. Yeroo kanatti maal goota?

Jiyaan inni olitti caqasame akkana jedheera: “Wanti tokko akka jijjiirame hubadheen ture. Maaʼuriziiyoon akka duraanii miira isaa natti hin himu ture. Baayʼee ulfaata taʼus, isa haasofsiisuufan murteesse. Akkana jedheen yaade: ‘Wanta inni hin beekne kamin isatti himuu dandaʼa? Tarii deebiin isaa kan nama sodaachisu taʼuu dandaʼa!’ Haa taʼu malee, wanta waliin qoʼanne yaadachuun koo, isa haasofsiisuuf cimina na kenneera. Maaʼuriziiyoon yeroo gargaarsi na barbaachisee turetti na gargaareera. Michummaan keenya akka addaan citu kanan hin barbaanne taʼus, waanan isaaf yaaduuf isa gargaaruun barbaade.”

Maaʼuriziiyoon akkana jedheera: “Jiyaan garaa isaatii na gargaaruu barbaada ture; kun immoo sirrii ture. Filannoo sirrii hin taane gochuu kootiin miidhaan na irra gaʼe, balleessaa isaas taʼe kan Yihowaa akka hin taane beekan ture. Kanaafuu, gorsa jaarsoliin naaf kennan kanan fudhadhe siʼa taʼu, suutuma suuta karaa hafuuraa jajjabaachuu dandaʼeera.”

YEROO MICHUU KEENYA RAKKINNI MUDATU

Daawit michoota yeroo rakkisaa taʼetti amanamummaadhaan isa deggeran kan biraas qaba ture. Michoota kana keessaa tokko Hushaayi siʼa taʼu, Kitaabni Qulqulluun ‘michuu Daawit’ taʼuu isaa ibsa. (2 Sam. 16:16; 1 Sen. 27:33) Hushaayi mana mootummaa keessatti aangoo kan qabu taʼu hin oolu; michuu mootichaa isatti dhihaatu siʼa taʼu, yeroo tokko tokko dhimmoota iccitii taʼan raawwachiisa ture.

Yeroo Abiishaalom ilmi Daawit teessoo abbaa isaa fudhatetti, Israaʼelonni hedduun Abiishaalom duukaa kan buʼan taʼus, Hushaayi garuu akkana hin goone. Daawit yeroo baqachaa turetti, Hushaayi gara isaa deemee ture. Daawit ilmi isaa fi namoonni inni amanu kaan isa ganuu isaaniitiin baayʼee miidhamee ture. Haa taʼu malee, Hushaayi amanamaa taʼee kan itti fufe siʼa taʼu, lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan wanta mooticha irratti yaadame fashaleesseera. Hushaayi kana kan godhe waanuma mana mootummaa keessatti aangoo qabuuf hin turre. Michuu amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.—2 Sam. 15:13-17, 32-37; 16:15–17:16.

Obboloonnii fi obboleettonni yeroo harʼaa jiran hojiin gumii keessatti hojjetan garaa garaa taʼus, tokkummaa cimaa akka qaban arguun kan nama gammachiisu dha. Gocha isaaniitiin, “Michuu kee kanan taʼe, taʼuu waanan qabuuf utuu hin taʼin, na biratti iddoo guddaa waan qabduufi” akka jedhanitti ilaalama.

Haalli kun obboleessa Federikoo jedhamu mudateera. Gargaarsa michuun isaa Antooniyoon isaaf godheen haala rakkisaa jireenya isaa keessatti isa mudate damdamachuu dandaʼeera. Federikoon akkana jedheera: “Antooniyoon gara gumii keenyaa dhufee utuu baayʼee hin turin michoota taane. Lamaan keenya iyyuu tajaajiltoota gumii kan turre siʼa taʼu, waliin hojjechuun baayʼee nu gammachiisa ture. Utuu baayʼee hin turin Antooniyoon jaarsa gumii taʼee muudame. Michuu koo qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraa naman akka fakkeenyaatti ilaalu ture.” Haa taʼu malee, Federikoon dogoggora raawwate. Yeruma sana gargaarsa argachuuf yaaleera; taʼus qajeelchaa fi tajaajilaa gumii taʼee itti fufuu hin dandeenye. Yeroo kanatti Antooniyoon maal godhe?

Yeroo haalli rakkisaan Federikoo mudatetti michuun isaa Antooniyoon isa dhaggeeffateera akkasumas isa jajjabeesseera

Federikoon wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Miirri anatti dhagaʼame Antooniyoottis akka dhagaʼame hubadheen ture. Gama miiraatiin na gargaaruuf hamma isaaf dandaʼame godheera. Karaa hafuuraatiin deebiʼee akkan jabaadhu garaadhaa barbaada ture; akkasumas matumaa na hin dhiisne. Akkan karaa hafuuraa deebiʼee cimuu fi abdii akkan hin kutanne na jajjabeessa ture.” Antooniyoon akkana jedheera: “Federikoo wajjin yeroo dheeraan dabarsa ture. Wanta isa dhiphisu dabalatee, wanta kam iyyuu bilisa taʼee akka natti himun barbaada ture.” Kan nama gammachiisu, Federikoon deebiʼee karaa hafuuraa kan jabaate siʼa taʼu, qajeelchaa fi tajaajilaa gumii taʼee muudameera. Antooniyoon, “Amma gumii garaa garaa keessa kan tajaajillu taʼus, yeroo kam iyyuu caalaa walitti dhihaanneerra” jedheera.

AKKA GANAMTE SITTI DHAGAʼAMAA?

Michuun baayʼee itti dhihaattu tokko yeroo gargaarsi isaa baayʼee si barbaachisutti utuu si ganee maaltu sitti dhagaʼama? Kun baayʼee akka si miidhu beekamaa dha. Dhiifama gochuufii ni dandeessaa? Walitti dhufeenyi keessan akkuma duraanii cimee itti fufaa laata?

Mee wanta yeroo Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa xumuruuf jedhutti isa mudate yaadi. Ergamoota isaa amanamoo taʼanii wajjin yeroo dheeraa kan dabarse siʼa taʼu, tokkummaa cimaa qabu turan. Yesuus michoota isaa akka taʼan godhee isaan waamuun isaa sirrii ture. (Yoh. 15:15) Haa taʼu malee, yeroo inni qabametti maaltu taʼe? Ergamoonni isaa isa dhiisanii baqatan. Pheexiros Gooftaa isaa matumaa akka hin dhiisne ifatti dubbatee ture; taʼus, Pheexiros halkanuma sana Yesuusiin akka beeku gane!—Mat. 26:31-33, 56, 69-75.

Yesuus, qorumsi inni dhumaa yeroo isa mudatu kophaatti akka hafu beeka ture. Yeroo kanatti gadduu, akkasumas akka miidhame isatti dhagaʼamuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, duʼaa kaʼee guyyoota muraasa booda yeroo duuka buutota isaa wajjin wal argetti wanta akka gadde, akka aare ykn akka gaabbe argisiisu tokko illee hin dubbanne. Yesuus wanta barattoonni isaa guyyaa inni itti qabametti godhan dabalatee, dogoggora isaan raawwatan tarreessuu hin barbaanne ture.

Faallaa kanaatiin, Yesuus Pheexirosiin dabalatee ergamoota isaa kaan jajjabeesseera. Hojii barsiisuu seenaa ilmaan namootaa keessatti iddoo guddaa qabu ilaalchisee qajeelfama isaaniif kennuudhaan akka isaanitti amanamu argisiiseera. Ergamoonni Yesuus amma iyyuu michoota isaa turan. Jaalalli isaa kun dhiibbaa gaarii isaan irratti geessiseera. Lammata Gooftaa isaanii akka hin dhiisneef wanta isaanii dandaʼame hunda godhaniiru. Kana malees, hojii duuka buutonni isaa akka hojjetan kenne, karaa milkaaʼina qabuun raawwataniiru.—HoE 1:8; Qol. 1:23.

Obboleettiin Eliviiraa jedhamtu yeroo wanta miira michuu ishii Juuliyaanaa miidhu raawwattetti wanta taʼe yaadachuudhaan akkana jetteetti: “Wantin godhe miira ishii akka miidhe yommuu natti himtu, baayʼeen naʼe. Aaruun ishii sirrii ture. Haa taʼu malee, waaʼeen koos taʼe, amala kootiin kan kaʼe wanti na irra gaʼu ishii yaaddessuun isaa na dinqisiiseera. Miidhaan ishii irratti raawwadhe irratti utuu hin taʼin, rakkina ani of irratti fide irratti xiyyeeffachuun ishii baayʼee na gammachiisa. Michuu miira ishii caalaa nageenya kootiif yaaddu argachuu kootiif baayʼeen Yihowaa galateeffadha.”

Egaa, michuu dhugaan yeroo michummaan balaadhaaf saaxilamu maal godha? Yeroo barbaachisutti gaarummaadhaan garuu immoo ifatti michuu isaa haasofsiisuuf fedhii qaba. Akkuma Naataanii fi Hushaayi yeroo rakkisaa taʼetti amanamummaa isaa kan eeguu fi akkuma Yesuus dhiifama gochuuf fedhii kan qabu dha. Ati hoo michuu akkanaa tii?