Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Ogeessotaa Wajjin Adeemuu Kootiin Faayidaa Guddaa Argadheera

Ogeessotaa Wajjin Adeemuu Kootiin Faayidaa Guddaa Argadheera

BAKKI isaa Biruukiingiz, Saawuz Daakootaa, Yunaayitid Isteetis siʼa taʼu, ganama sana baayʼee qorra ture. Haa taʼu malee, guyyaa sana muraasni keenya mana horii hoʼa hin qabne keessa hollachaa akka dhaabanne yommuu beektan isin dinqisiisa taʼa. Bidiruu horiin bishaan keessaa dhuganii fi bishaan diilallaaʼaan itti guutame fuuldura dhaabannee turre! Sababii kun itti taʼe akka beektaniif mee muuxannoo koon isinitti hima.

JIREENYA MAATII KOO DURAA

Wasiila koo Alfireedii fi abbaa koo

Kanan dhaladhe Bitootessa 7, 1936 siʼa taʼu, ijoollee afur keessaa ani isa dhumaa ti. Bakka qonnaa baha Saawuz Daakootaatti argamu keessa jiraanna turre. Qonnaan, maatii keenya keessatti bakka guddaa qaba ture; taʼus, wanti maatii keenyaaf hunda caalaa bakka guddaa qabu qonnaa hin turre. Warri koo bara 1934tti Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii cuuphaman. Kanaaf, wanti isaan dursa kennaniif fedha Waaqayyoo raawwachuu ture. Abbaan koo, Kilaaransii fi yeroo booda immoo wasiilli koo Alfireed gumii keenya xinnoo Koondee, Saawuz Daakootaa jiru keessatti tajaajilaa kaampaanii (yeroo amma qindeessaa qaama jaarsolii jedhama) taʼanii tajaajilaniiru.

Yeroo hundumaa maatiidhaan taanee walgaʼii gumii irratti argamna turre; akkasumas waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa Kitaabni Qulqulluun dubbatu manaa gara manaa deemnee lallabna turre. Leenjiin warri koo nuuf kennanii fi fakkeenyummaan isaanii, ijoollummaa keenyatti dhiibbaa gaarii nu irraan geessiseera. Anii fi obboleettiin koo Dooretiin yommuu umuriin keenya waggaa jaʼa taʼu babalʼistoota taane. Bara 1943tti, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti hirmaachuun jalqabe.

Bara 1952tti qajeelchaa taʼee yommuun tajaajilu

Walgaʼii guguddaadhaaf iddoo guddaa kennina turre. Walgaʼii guddaa bara 1949tti Suu Foolsi Saawuz Daakotaatti godhame nan yaadadha. Obboleessi keenya Giraanti Suutar haasaa, “Yeroon Isaa Hamma Isin Yaaddan Caalaa Deemeera!” jedhu dhiheessee ture. Haasaa isaa irratti Kiristiyaanonni Waaqayyoof of murteessan hundi humna isaanii guutuu misiraachicha lallabuu akka qaban ibsee ture. Kunis Yihowaadhaaf of murteessuuf na kakaaseera. Akkuman olitti ibse walgaʼii aanaa itti aansuudhaan Biruukiingizitti godhame irratti mana horiin keessa bulanii fi baayʼee qorru keessatti cuuphamuuf eegaan ture. Bidiruun sibiila irraa hojjetamee fi ziinkii dibame sun, Sadaasa 12, 1949tti arfan keenyaaf gandaa keessatti cuuphamnu taʼee tajaajileera.

Yeroo sanaa kaasee qajeelchaa taʼee tajaajiluufan galma baafadhe. Amajjii 1, 1952tti yommuu umuriin koo waggaa 15 taʼu qajeelchaan taʼe. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa” jedha; miseensonni maatii koo ogeessota taʼan hedduun murtoo koo deggeraniiru. (Fak. 13:20) Wasiilli koo Juuliyes, inni umuriin isaa waggaa 60 taʼe, qajeelchaa waan taʼeef hiriyaa tajaajilaa koo taʼee ture. Garaa garummaan umurii gidduu keenya jiraatus, tajaajila irratti yeroo baayʼee gammachiisaa waliin dabarsineerra. Muuxannoo isaa irraa ogummaawwan hedduu argadheera. Yeruma sana Dooretiinis qajeelchituu taate.

GARGAARSA ILAALTONNI OL AANAA AANAA NAAF GODHAN

Ijoollummaa kootti warri koo ilaaltoota ol aanaa aanaa fi haadhotii manaa isaanii, mana keenya akka boqotan afeeru turan. Hiriyoonni Jessee fi Liin Kaantweel jedhaman gargaarsa guddaa naaf godhaniiru. Jajjabinni isaan naaf kennan qajeelchaa taʼuuf na kakaaseera. Gargaarsi isaan naaf godhan galmawwan tiʼookraasii baafachuuf fedhii akkan qabaadhu na taasiseera. Gumiiwwan dhihoo taʼan yommuu tajaajilan, yeroo tokko tokko isaanii wajjin akkan tajaajilu na afeeru turan. Kunis kan nama gammachiisuu fi kan nama jajjabeessu ture.

Achiis ilaaltuu ol aanaa aanaa Bad Miilar jedhamuu fi haadha manaa isaa Joʼaantu nu daawwachuu jalqabe. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 18 siʼa taʼu, loltuu taʼee akkan tajaajilu gaafatameen ture. Achiis boordii waraanaa, jechuunis koree waraanaa nama raayyaa waraanaatti makamuu qabu murteessu durattin dhihaadhe. Koreen kun, hojii ajaja Yesuus duuka buutonni isaa siyaasa irraa walaba akka taʼan kennee wajjin wal faallessu akkan hojjedhu barbaadanii turan. Ani garuu misiraachicha lallabuun barbaada ture. (Yoh. 15:19) Boordiin waraanaa sun tajaajilaa amantii akkan taʼetti akka na ilaaluuf ol iyyannoon dhiheesse.

Obboleessi keenya Miilar yeroo ani boordii waraanaa sana duratti dhihaadhutti, naa wajjin deemuuf fedhii qabaachuun isaa garaa koo tuqeera. Inni namaa wajjin kan walii galuu fi kan hin sodaanne ture. Namni karaa hafuuraa cimaa taʼe kun na deggeruun isaa, ofitti amanamummaa koo dabaleera. Ol iyyannoon koo sun erga dhagaʼamee booda, bara 1954 yeroo bonni xumuramuuf jedhutti boordiin sun tajaajilaa amantii akkan taʼe naaf murteesse. Kunis, galma tiʼookraasii kan biraa irra akkan gaʼu na gargaareera.

Miseensa maatii Betʼel haaraa yeroon turetti konkolaataa qonnaa wajjin

Achiis Betʼel isa yeroo sanatti Waachtaawar Faarmi jedhamuu fi Isteetan Aayilaandi, Niiwu Yoorkitti argamutti akkan tajaajilun afeerame. Achitti gara waggaa sadiitiif tajaajileera. Kunis ogeessota hedduu wajjin wal baruu fi isaanii wajjin hojjechuuf carraa waan naa baneef, muuxannoo gaggaarii naaf argamsiiseera.

TAJAAJILA BETʼEL

Haarii Piitarsan tajaajilaaf hinaaffaa guddaa qaba ture

Buufanni Raadiyoo WBBR jedhamus iddoo qonnaa Isteetan Aayilaandi jedhamutti argama ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1924 hanga 1957tti buufata raadiyoo kanatti fayyadamaniiru. Miseensonni maatii Betʼel asitti ramadaman 15 hanga 20 taʼu turan. Baayʼeen keenya dargaggoota muuxannoo hin qabne turre. Taʼus, obboleessi maanguddoon Eeldan Wuudwoorzi jedhamuu fi dibamaa taʼe nuu wajjin ture. Obboleessi kun dhugumaan ogeessa taʼuu isaa argisiiseera. Akka abbaatti nu gargaaruun isaa karaa hafuuraa nu cimseera. Darbee darbee yeroo hirʼinni warra kaanii qorumsa nutti taʼutti, ‘Yihowaan namoota mudaa qabanitti kan fayyadamu taʼus, hojii dinqisiisaa hojjechaa jira’ nuun jedha ture.

WBBR biratti obboleessa keenya Firaanzi wajjin

Obboleessi keenya Fireediriik Firaanzis nuu wajjin jiraachuun isaa mirga addaa ture. Ogummaa fi beekumsa Kitaaba Qulqulluu guddaa qabaachuun isaa hunda keenya irratti dhiibbaa gaarii geessiseera; akkasumas tokkoon tokkoon keenyaaf xiyyeeffannaa kenna ture. Nyaata kan nuuf bilcheessu Haarii Piitarsan ture; maqaa isaa isa sirrii Haarii Poporyeroopulos jedhuun isa waamuu mannaa Haarii Piitarsan jennee isa waamna turre. Innis dibamaa kan ture siʼa taʼu, tajaajilaaf hinaaffaa guddaa qaba ture. Obboleessi keenya Piitarsan hojii Betʼel akka gaariitti kan hojjetu taʼus, tajaajila dirrees ni jaallata. Jiʼa jiʼaan barruulee keenya hedduu raabsa ture. Akkasumas beekumsa Kitaaba Qulqulluu waan qabuuf, baayʼinaan gaaffilee nuti isa gaafannu nuuf deebisa ture.

OBBOLEETTOTA OGEEYYII TAʼAN IRRAA BARACHUU

Wanti iddoo qonnaatti oomishame warshaa tokko keessatti xaasaatti naqamee qopheeffama ture. Miseensota maatii Betʼel hundaaf fuduraalee fi muduraalee waggaa tokkoof taʼuu fi gara liitrii 42,600 taʼutu xaasaatti naqamee qopheeffama ture. Hojii kana irratti, obboleettii ogeettii Eeta Haaz jedhamtuu wajjin tajaajiluuf mirga argadheen ture. Akkaataa fuduraalee fi muduraaleen xaasaatti itti naqamu ilaalchisee qajeelfama hunda kan nuuf kennu ishii turte. Tibba itti hojiin kun itti hojjetamutti obboleettonni naannoo sanaa dhufanii kan nu gargaaran siʼa taʼu, Eetaan hojii sana qindeessiti ture. Hojii sana irratti gaʼee guddaa kan qabdu taatus, obboloota bakka qonnaa sanatti itti gaafatamummaa qaban ni kabajji turte. Seera matummaa tiʼookraasiitiif bitamuudhaan fakkeenya gaarii naaf taateetti.

Anjeelaa fi Eeta Haazii wajjin

Anjeelaa Roomaanoon shamarran hojii kana irratti nu gargaaruu dhufan keessaa tokko turte. Yeroo ishiin dhugaa dhageessetti Eetan ishii gargaartee ture. Yommuun Betʼelitti tajaajilu obboleettii ogeettii taate kanaa wajjinis kanan wal bare siʼa taʼu, erga waliin jiraachuu jalqabnee amma gara waggaa 58 taʼeera. Anii fi Anjeelaan gaaʼela kan godhanne Ebla 1958 siʼa taʼu, bifa tajaajila yeroo guutuu hedduu irratti hirmaanneerra. Anjeelaan waggoota hedduudhaaf ejjennoo ishii utuu hin laaffisin Yihowaadhaaf amanamtuu taatee jiraachuun ishii gaaʼela keenya cimseera. Rakkinni akkami iyyuu yoo nu irra gaʼe, Yihowaadhaaf amanamtuu akka taatu ishii irratti amantii guutuun qaba.

TAJAAJILA MISIYOONII FI HOJII DAAWWANNAA

Gamoon WBBR Isteetan Ayilaandi jiru bara 1957 yommuu gurguramu, yeroo muraasaaf Betʼel isa Biruukiliin jiru keessa tajaajileera. Achiis Anjeelaa wajjin gaaʼela godhanne; Betʼelii kanan baʼe siʼa taʼu, gara waggaa sadiitiif qajeelchaa taanee Isteetan Ayilaanditti tajaajilleerra. Yeroo muraasaaf, buufata raadiyoo namoonni sun bitanii WPOW jedhanii moggaasan keessa hojjedheera.

Anii fi Anjeelaan bakka barbaachisnutti tajaajiluuf jireenya keenya salphaa gochuuf murteessinee turre. Kanaaf, jalqaba bara 1961tti afeerraa Foolis Siitii, Nabraaskaatti qajeelchaa addaa akka taanu nuuf dhihaate fudhanne. Achi geenyee utuma baayʼee hin turin, leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa jiʼa tokkoof Saawuuz Laansiingi, Niiwu Yoorkitti geggeeffamu irratti akka hirmaannu afeeramne. Mana barumsichaatti gammannee turre; achiis Nabraaskaatti waan deebinu nutti fakkaatee ture. Kan nama dinqisiisu garuu, misiyoonii taane Kaamboodiyaatti ramadamne! Biyyi bareedduun Kibba baha Eeshiyaatti argamtu kun, wantoota nuuf haaraa taʼan akka arginu, akka dhageenyuu fi urgaa adda addaa akka fuunfannu carraa nuuf baneera. Bakka kanatti misiraachicha babalʼisuuf hawwii guddaa qabna turre.

Taʼus, haalli siyaasaa waan jijjiirameef Saawuuz Veetnaamitti ramadamne. Kan nama gaddisiisu garuu, utuu waggaa lama hin guutin baayʼee waanan dhukkubsadheef gara biyya dhalootaa keenyatti deebine. Hanga anatti fooyyaʼutti yeroon muraasni na barbaachisee ture. Guutummaatti yommuun fayyu garuu deebinee tajaajila yeroo guutuu jalqabne.

Bara 1975tti Anjeelaa wajjin televizynii irratti gaafannoon nuuf godhamuu isaa dura

Bitootessa 1965tti hojii daawwannaa irratti hirmaachuuf mirga arganne. Anii fi Anjeelaan, hojiiwwan walgaʼii guddaa duraa fi yeroo walgaʼichaatti raawwataman dabalatee hojii aanaa fi koonyaa irratti waggoota 33f hirmaanneerra. Walgaʼiiwwan guguddaa baayʼee waanan jaalladhuuf, walgaʼiiwwan kana qindeessuun na gammachiisa ture. Waggoota muraasaaf naannoo Niiwu Yoorki Siitii kan turre siʼa taʼu, walgaʼiiwwan hedduun Istaadiyomii Yaankiitti geggeeffamu turan.

BETʼELITTII FI MANNEEN BARUMSAA TIʼOOKRAASIITTI DEEBIʼUU

Akkuma obboloota tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran kaanii nuunis hojii gammachiisaa fi ulfaataa taʼetu nu eeggata ture. Fakkeenyaaf, bara 1995tti Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa irratti akkan barsiisun gaafatame. Waggaa sadii booda immoo Betʼelitti akka tajaajillu afeeramne. Iddoon waggoota 40 dura tajaajila yeroo guutuu addaa itti jalqabetti deebiʼuun koo baayʼee na gammachiisee ture. Yeroo muraasaaf, Kutaa Tajaajilaa keessa tajaajileera; manneen barumsaa tokko tokko keessattis barsiisaa taʼee tajaajileera. Bara 2007tti Qaamni Ol Aanaan manneen barumsaa Betʼelitti argaman, kutaa haaraa Kutaa Manneen Barumsaa Tiʼookiraasii jedhamu jala akka galan godhe; anis waggoota muraasaaf ilaaltuu ol aanaa kutaa kanaa taʼee tajaajileera.

Dhiheenyatti manneen barumsaa tiʼookraasii irratti jijjiiramni guddaan godhameera. Manni Barumsaa Jaarsolii Gumii bara 2008tti jalqabame. Waggoottan lamaan itti aananiif jaarsoliin gumii 12,000 ol taʼan Betʼel isa Paatarsanii fi Biruukiliinitti argamutti barataniiru. Manni barumsaa kun, barsiisota leenjii fudhataniin naannoowwan kan biraattis kennamuu jalqabe. Bara 2010tti Manni Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa maqaan isaa jijjiiramee Mana Barumsaa Obboloota Qeentee jedhame; manni barumsaa haaraan Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaa jedhamus ni hundeeffame.

Waggaa tajaajilaa bara 2015 irraa jalqabee manni barumsaa kun lamaan walitti makamee, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhame. Hiriyoonni gaaʼelaa ykn obboloonnis taʼan obboleettonni qeenteen mana barumsaa kana galanii barachuu ni dandaʼu. Obboloonni addunyaa maratti argaman manni barumsaa kun waajjira damee hedduu keessatti akka kennamu yommuu dhagaʼan baayʼee gammadaniiru. Carraan mana barumsaa kana galanii barachuu akka balʼate arguun koo baayʼee na gammachiiseera; obboloota leenjii kanaaf of dhiheessanii wajjin wal baruu koottis baayʼeen galateeffadha.

Yeroo bidiruu horiin keessaa dhugan sana keessatti utuun hin cuuphamin dura turee kaasee hanga harʼaatti wantan jireenya koo keessatti dabarse yommuun yaadadhu, ogeessonni daandii dhugaa irra akkan deddeebiʼu na gargaaruu isaaniitti Yihowaa nan galateeffadha. Hundi isaanii iyyuu umurii koo irra kan jiran hin turre; aadaan keenyas garaa gara ture. Taʼus, karaa hafuuraa cimoo turan. Jaalalli cimaan isaan Yihowaadhaaf qaban gochaa fi ilaalcha isaanii irraa ni mulʼata ture. Jaarmiyaa Yihowaa keessa ogeessonni wajjin adeemuu dandeenyu hedduun jiru. Anis isaanii wajjin adeemuu kootiin faayidaa guddaa argadheera.

Barattoota addunyaa mara irraa dhufanii wajjin wal baruun baayʼee na gammachiisa