Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru

Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru

Waaqayyotti dhihaachuuf maal gochuu dandeessa? Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu garaa garaa ilaalleerra. Isaanis

  1. Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu beekuu fi itti fayyadamuu

  2. Kadhannaadhaanii fi Dubbii isaa kan taʼe Macaafa Qulqulluu qoruudhaan yeroo hunda isaa wajjin haasaʼuu

  3. Yeroo hunda wanta Yihowaa gammachiisu raawwachuu

Maqaa isaa beekuu fi itti fayyadamuudhaan, kadhannaa dhiheessuudhaan, Dubbii isaa qoruudhaan, akkasumas wanta isa gammachiisu gochuudhaan Waaqayyotti dhihaadhu

Akka ulaagaalee kanaatti, wanta Waaqayyotti dhihaachuudhaaf barbaachisu raawwachaa waan jirtu sitti fakkaataa? Wanti fooyyessuu qabdu hoo jiraa? Wantoota kana raawwachuun carraaqqii akka gaafatu beekamaa dha; taʼus buʼaa argattu irratti xiyyeeffadhu.

Jeniifar isheen Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkas jetteetti: “Carraaqqiin Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf godhamu kan nama gaabbisiisu miti. Walitti dhufeenyi kun eebba hedduu argamsiisa: caalaatti Waaqayyotti akka amanamnu, eenyummaa isaa caalaatti akka hubannu, hunda irra immoo caalaatti akka isa jaallannu nu gargaara. Jireenyi kana irra wayyu hin jiru!”

Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu ni barbaadda taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii qabu. Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuuf haala mijeessuu ni dandaʼu. Akkasumas, walgaʼii Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼee fi bakka waaqeffannaa isaanii Galma Mootummaa jedhamutti godhatan irratti akka argamtu si afeerra. Bakka kanatti namoota walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabaniif iddoo guddaa kennanii wajjin yeroo gaarii dabarsuu ni dandeessa. * Akkas yeroo gootu, akkuma faarfaticha isa, “Waaʼee koof yoo taʼe garuu Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha” jedhee sitti dhagaʼama.—Faarfannaa 73:28.

^ KEY. 9 Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gaaffii dhiheessuu ykn Galma Mootummaa naannoo kee jiru argachuu yoo barbaadde, nama barruu kana sii fide gaafadhu ykn Weeb saayitii keenya www.mt711.com/om jedhamu baniitii, kutaa KAʼUMSA jedhu jalaa mata duree NU QUNNAMI jedhu ilaali.