Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Waaqayyoo Wajjin Ni Haasoftaa?

Waaqayyoo Wajjin Ni Haasoftaa?

Michoonni walitti dhihaatan yeroo isaanii dandaʼame hundatti fuulaa fuulatti ykn bilbila, iimeelii, viidiyoo ykn xalayaadhaan wal qunnamu. Kanaaf, Waaqayyotti dhihaachuufis yeroo hunda isaa wajjin haasaʼuu qabna. Akkas gochuu kan dandeenyu garuu akkamitti?

Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, kadhannaan haasaa akkasumaan hiriyoota keenyaa wajjin haasofnuu wajjin tokko miti. Yeroo kadhannu, Uumaa keenya isa hundumaa gararraa haasofsiisaa akka jirru hubachuu qabna. Kunis kabajaa fi ulfina guddaadhaan kadhannaa akka dhiheessinu nu kakaasa. Kadhannaa keenya akka dhagaʼuuf immoo, ulaagaa inni baasee wajjin haala wal simuun kadhachuu qabna. Ulaagaaleen sadii armaan gaditti ibsamaniiru.

Tokkoffaa, kadhannaan Yesuusiif, warra qulqulloota jedhamaniif ykn fakkiiwwan waaqeffannaatiif utuu hin taʼin, Yihowaadhaaf qofa dhihaachuu qaba. (Baʼuu 20:4, 5) Macaafni Qulqulluun, “Kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa” jedha. (Filiphisiiyus 4:6) Lammaffaa, kadhannaan maqaa Yesus Kiristos isa Ilma Waaqayyoo taʼeetiin dhihaachuu qaba. Yesus iyyuu, “Anaan yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jechuudhaan ibseera. (Yohannis 14:6) Sadaffaa, kadhannaan keenya fedha Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Macaafni Qulqulluun, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa” jedha. *1 Yohannis 5:14.

Michoonni walitti dhihaatan yeroo isaanii dandaʼame hundatti wal qunnamu

Yeroo hunda kan dubbatu nama tokko qofa taanaan michummaan itti fufuu hin dandaʼu. Akkuma michoonni waliin haasaʼan, nutis Waaqayyo akka nutti dubbatu heyyamuu fi yeroo inni dubbatu dhaggeeffachuu qabna. Waaqayyo kan nutti dubbatu akkamitti akka taʼe beektaa?

Yeroo harʼaatti Waaqni keenya Yihowaan Dubbii isaa isa barreeffame, jechuunis Macaafa Qulqulluutti fayyadamee nutti dubbata. (2 Ximotewos 3:16, 17) Akkas kan jennu maaliifi? Fakkeenyaan ibsuuf, hiriyaa sitti dhihaatu tokko irraa xalayaan si gaʼe haa jennu. Michuun kee si bira jiraachuu baatus yaada xalayaa sana irraa dubbiste akkuma waan isa irraa dhageessetti ilaalta. Kan wal qunnamtan garuu sagaleedhaan utuu hin taʼin barreeffamaani dha. Haaluma wal fakkaatuun, Macaafa Qulqulluu yeroo dubbistu, Yihowaan akka sitti dubbatu heyyamaa jirta jechuu dha. Jiinaa isheen mata duree isa jalqabaa keessatti caqasamte akkas jetteetti: “Waaqayyo akka michuu isaatti akka na ilaalu yoon barbaade, xalayaa inni nuuf barreesse, jechuunis Macaafa Qulqulluu qoruun koo dirqama akka taʼe natti dhagaʼama. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuun koo Waaqayyotti caalaatti na dhiheesseera.” Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan, Yihowaan guyyaa hunda akka si haasofsiisu heyyamaa jirtaa? Akkas gochuun kee Waaqayyotti caalaatti akka dhihaatte akka sitti dhagaʼamu godha.

^ KEY. 5 Kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 17 ilaali.