Fakkeenya 24:1-34

  • Hamootatti hin hinaafin (1)

  • Manni ogummaadhaan ijaarama (3)

  • Namni qajeelaan kufuu dandaʼa, garuu ni kaʼa (16)

  • Haaloo hin baʼin (29)

  • Hirribni hiyyummaa fida (33, 34)

24  Hamootatti hin hinaafin,Michuu isaanii taʼuufis hin hawwin;+   Sababiin isaas, garaan isaanii fincila irratti xiinxala,Afaan isaaniis waaʼee hamminaa dubbata.   Manni* ogummaadhaan ijaarama,+Hubannaadhaanis jabaatee dhaabbata.   Qabeenya akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuu fi miidhagaa taʼeenBeekumsaan kutaawwan isaa guutamaniiru.+   Namni ogeessi humna qabeessa dha,+Namni tokko beekumsaan humna isaa ni guddifata.   Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee ni geggeessita,+Gorsitoota hedduudhaanis injifannoon* ni argama.+   Namni gowwaan ogummaa dhugaa argachuu hin dandaʼu;+Inni karra magaalaa keessatti wanta dubbatu hin qabu.   Namni wanta hamaa yaadu kam iyyuuNama daba qopheessuu irratti dandeettii qabu jedhama.+   Karoorri namni gowwaan qopheessu cubbuutti nama geessa,Namoonnis nama qoostuu taʼe ni jibbu.+ 10  Guyyaa dhiphinaatti* yoo abdii kutatte,Humni kee ni xiqqaata. 11  Warra gara duʼaatti fudhatamaa jiran baraari,Warra gorraʼamuuf* gatantaraa jiranis oolchi.+ 12  Ati, “Garuu nuti waaʼee kanaa hin beeknu” yoo jette,Inni garaa* namootaa qoru kana hin hubatuu?+ Eeyyee, inni si* argu ni beeka,Tokkoon tokkoon namaatiifis akka hojii isaatti ni deebisa.+ 13  Yaa ilma koo, gaarii waan taʼeef damma nyaadhu;Dammi dhaaba dammaa irraa argamu arrabatti ni miʼaawa. 14  Ogummaanis akkasuma siif gaarii* taʼuu isaa beeki.+ Isa yoo argatte, egereen kee gaarii taʼa,Abdiin kees hin badu.+ 15  Mana nama qajeelaa biratti hamminaan riphxee hin eeggatin;Bakka boqonnaa isaa hin balleessin. 16  Sababiin isaas, namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa,+Namni hamaan garuu rakkina isa irra gaʼuun ni gufata.+ 17  Diinni kee yommuu kufu hin gammadin,Yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin;+ 18  Taʼuu baannaan, Yihowaan kana argee ni gadda,Dheekkamsa isaas isa* irraa ni deebisa.+ 19  Namoota hamoodhaan kan kaʼe hin aarin;*Hamootatti hin hinaafin, 20  Sababiin isaas, namni hamaan hundi egereen isaa gaarii hin taʼu;+Ibsaan hamootaas ni dhaama.+ 21  Yaa ilma koo, Yihowaa fi mootii sodaadhu.+ Michuu mormitootaas* hin taʼin,+ 22  Sababiin isaas, badiisni isaanii akkuma tasaa ni dhufa.+ Lamaan isaanii* badiisa akkamii akka isaanitti fidan eenyutu beeka?+ 23  Jechoonni armaan gadiis dubbii ogeeyyii ti: Yeroo murtiitti loogii raawwachuun gaarii miti.+ 24  Nama hamaadhaan, “Ati qajeelaa dha” kan jedhu kam iyyuu,+Namoonni ni abaaru, saboonnis ni balaaleffatu. 25  Warra isa akeekkachiisaniif garuu gaarii ni taʼa;+Eebbawwan gaggaariis ni argatu.+ 26  Namoonni afaan nama haqaan deebii kennuu ni dhungatu.*+ 27  Hojii kee isa alaa qopheeffadhu, maasii keessattis wanta hunda qixeeffadhu;Sana booda mana* kee ijaarradhu. 28  Sababa gaʼaa utuu hin qabaatin nama irratti ragaa hin baʼin.+ Arraba kee warra kaan gowwoomsuuf itti hin fayyadamin.+ 29  “Wantuma inni ana irratti raawwate isa irratti nan raawwadha;Wanta inni godheef gatii isaa isaaf nan deebisa”* hin jedhin.+ 30  Ani maasii nama dhibaaʼaa,+Maasii wayinii nama hubannaa* hin qabnee bira nan darbe. 31  Maasiin isaa aramaadhaan liqimfamee nan arge;Lafti isaa doobbiidhaan uwwifamee ture,Dallaan dhagaa isaas jigee ture.+ 32  Ani kana argee nan qalbeeffadhe;Isan arge irraas kana nan baradhe:* 33  Xinnuman ciisa, xinnuman muga,Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette, 34  Hiyyummaan akkuma saamtuutti,Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Maatiin.”
Ykn., “milkaaʼinni; fayyinni.”
Ykn., “Yeroo rakkinaatti.”
Jechuunis, qalamuuf.
Ykn., “kakaʼumsa.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Ykn., “lubbuu keetiif miʼaawaa.”
Jechuunis, diina.
Ykn., “kan finiintu taʼuu kee hin argisiisin.”
Ykn., “warra jijjiirama fiduu barbaadaniis.”
Jechuunis, Yihowaa fi mooticha.
Ykn tarii, “Ifatti deebii kennuun akkuma dhungachuu ti.”
Ykn., “maatii.”
Ykn., “Isa nan argadha.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “Adaba nan argadhe.”